
Yeroo baayyee daa’imman waggaa 5-15 irratti baayyata.waggaa sadi gaditti garuu hin muldhatu.
KA’UMSA
- Vayrasiilee gara garaa
- Baakteriyoota
MALOOTA DADDARBAA
- Rakkoo qulqullina daa’immanii eeguu dhabuu
- Tuttuqqii daa’imman infeekshina kanaan qabamanii
MALLATTOO
- Gubaa qaamaa
- harma hodhuu hir’isu
- yeroo nyaatan liqimsuuf isaan rakkisa
- Dhangala’aa funyaaniin baasu
- qufaa salphaa
- dhiita’uu mormaa gara cinaa. Kuni sababa kulkulfannaa infeekshinii sanatti qaamni isaanii fiduun
- iita’u Huuba qoonqoo gubbaa fi cinaa lammaniin
- Ol deebisuu fi Garaa kaasaa
- dhukkubbii naannoo mormaa gara cinaan( Sababii kulkulfannaan)
YAALA FI OF EEGGANNOO
- Daa’imman Huuba qoonqoon qabamani waliin tuttuqqii Hir’isuu
- Nyaata madaalamaa. Kun madinummaa isaanii cimsuuf gahee guddaa qaba
- Qulqullina isaanii eeguu
- Mallattoo armaan olii yoo itti argan dafanii gara mana yaalaa geessuun yaala akka argatan gochuu
- Dawwaa kennamu akkaataa jedhamee fi guyyaa ajajame seeraan kennuu.
- Gubaatii qaamaaf kan kennamus akkaataa ajajamuun kennuu. Gubaatiin qaamaa osoo qoricha irra jiraniis carraan hanga guyyaa shanii turuu ni jira.
- Dhangala’aa dabalataan akka fudhatan gochuu fi nyaata lallaafaa akka nyaatan gochuudha.
MIIDHAALE
- Jarmii Baakteeriyaan yoo tahe Huubni qoonqoo malaa kuufachuu danda’a
Sababii dhiita’uu fi malaa kuufachuun Cufamuu kutaa hargansuu isa olii fiduu danda’a.
Kan waggaa sadii olii keessatti gara Onnee faca’uun madaa’uu hulaa Onneef sababa taha. Kanaaf yoo guyyaa saglan(9) jalqabaatti hin yaalamne rakkoon onnee ni mudata.kun mudannaan rakkoo sana of duuba deebisuun hin jiru.akka ittin fufne qofa marfee ji’a ji’aan waraannachuu duwwaadha.
Gara kalee deemuunis miidhamuu fi kulkulfachuu Kalee fida. Kuni irra deddeebbiin osoo hin yaalamiin yoo hafe carraa gara duubaatti deebisuu hin dandeenye miidhama Onneef saaxila.
Irra deddeebii yoo qabaman carraan yeroo dheeraa booda tahus Dhiita’uu huuba qoonqoo duubatti hin deebinetti jijjiirama. Kunis cufamuu irraa qaama hargansuu oliin yeroo rafan sagalee koorrisuu godhatu.