
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa dhibeen tasa mallattoo malee nama galaafachuu danda’u, Istirookii, dhibeewwan lubbuu namaa dabarsuun sadarkaa jalqabaarra jiran keessaa lammaffaarratti argama jedha.
Dhaabatichi guutuu addunyaatti waggaa waggaan namootni miiliyoona 15 ta’an Istirookiin akka qabaman, miiliyoona shan kan ta’an sababa kanaan walqabateen lubbuu akka dhabaniifi namootni miiliyoona shan ta’an ammoo sababa dhibee kanaan miidhama qaamaa dhaabbataa ta’eef saaxilamuu jedha.
Kana jechuun garuu Istirookii dhibee waldhaansa hin qabneefi irraa fayyuun hin danda’amnedha jechuu miti.
Istirookiin maaali?
Qaama keenya keessaa dhibbeentaa lama qofa kan ta’u sammuun keenya, dhiyeessii dhiigaa qaama keenya keessaa dhibbeentaa 15-20 fudhata. Ya’a dhiigaa kanaanis sammuun keenya oksijiiniifi wantoota barbaachisoo biroo argata.
Dhiigni sammuu keessa naanna’uu gaafa dhabu ammoo hojiin sammuus akkasuma dhaabata.
Sababa adda addaan dhiigni gara sammuu yaa’uu yeroo dhaabu dhibeen Istirookii kun mudata.
Hospitaala Quddus Phaawuloos jalatti meedikaal koollejjii Miliniyeemitti Ispeeshaalistiin dhibee keessoofi gargaartuun Piroofeessaraa Dr Bisraat Demmeqee dhiphachuu hidda dhiigaa, guutummaatti cufamuu, sammuu keessatti dhiigni dhangala’uun fa’aa yaa’a dhiigaa sammuu keessa godhamu danquuf sababa ta’uu dubbatu.
Gosoota Istirookii
Mini-stroke: gosa Istirookii yeroo gabaabaaf turuufi dafee fayyuu danda’u.
Istirookii dhangala’uu dhiigaa: Sammuu keessatti wayita dhiigni tasa dhangala’u gosa dhibee Istirookii mudatu yeroo ta’u, addunyaarratti gosoota Istirookii mudatu keessaa dhibbeentaa 15 qabata.
Istirookii ujummoon dhiigaa cufamuu: Kun immoo gosa Istirookii ujummoon dhiigaa gara sammuutti dhiiga geessu ykn deebisu yeroo cufamu kan mudatu yeroo ta’u, dhibee Istirookii mudatuu dhibbeentaa 85’n sababa ta’a.
Sammuu keenya qaama keenya biroorraa maaltu adda godha?
Qaamni keenya kaan gulukoosii ofii qabanii tursiifatan jira. Kanaafis akka tasaa yaa’i dhiigaa yoo adda cite sana fayyadamuu danda’a. Sammuun garuu akkasitti wanni tursiifatu hin jiru. Kanaaf yaa’i dhiigaa wal-irraa hin citne isa barbaachisa. Dr Bisraat yaa’i kun yeroo gabaabaafillee adda citee yeroo deebi’u mini-stroke kan jedhutu mudataa jedhu.
Dhiibbaan dhiigaa, dhibeen sukkaaraa, ujummoon dhiigaa coomaan cufamuu, ulfaatina hangaa olii fi rakkoon rukuttaa onnee sababoota Istirookii fiduu danda’an kan to’achuun danda’amuudhaa jedhu Dr Bisraat.
Maatii keessa namni Istirookiin qabame jiraachuufi umriin 40 ol ta’uunis sababoota Istirookiif nama saaxilan kan hanqisuun nama rakkisuudha jedhu.
Dhiirotni dubartoota caala Istirookiif kan saaxaliman yeroo ta’u, dubartoota irratti rakkoon kun mudachuu isaaf qorichi to’annoo ulfaa sababa ta’uu akka malus dubbatu.
Sababni inni ijoon dhibee kanaa garuu dhiibbaa dhiigaatii kan jedhan Dr Bisraat, xannachi sammuu keessatti bahuu, dhiigni qal’achuun, balaan sammuurra gahuufi qorichoota sammuu nama hadoochan akka Kookeeniin Istirookii dhangala’uu dhiigaaf sababa jedhu.
Dr Bisraat ”rakkoon soorataan walqabatu dhibee sukkaaraa fida, dhiibbaa dhiigaa fida, wanti biraan fidummoo Istirookii ta’a” jedhu.
Comaafi nyaata zayitiin itti heddumate nyaachuun hidda dhiigaa keessatti coomni akka kuufamu gochuun ujummoolee dhiigaa cufuun Istirookiin akka mudatu sababa ta’as jedhu.
Ujummoon dhiigaa dhiphachaa deemuun dhiigni akka kantarus ni taasisa jedhu.
”Ashaboo hir’isuun, nyaata mi’aa xiqqeessuun, tamboo xuuxuu hir’isuun saaxilamummaa dhibee kanaa hanqisas jedhan.
Namootni maatii isaanii keessa namni Istirookiin qabame jiruu fi qoricha dhiiga qallisuuf fudhatamu sababa adda addaan fudhachaa kan jran ammoo hordoffii fayyaa gochuun dhibee kanarraa akka of baraaran gargaara jedhu ogeettiin kun.
Istirook mallattoolee qabaa?
Dhibeen kun mallattoo soo hin agarsiisuun haalli itti mudatu ni jira. Mallattoon dhibee kanaa miidhaa qaama sammuu keessatti qaqqabe irratti hundaa’a jedhu Dr Bisraat.
- Fakkeeyaaf qaama sammuu madaala qaama eegurratti miidhaan yoo qaqqabe, namni madaala qaama isaa eeguu dadhaba, qaamni namaa ajajamuu diduu, dubbachuuf rakkachuu, yaadachuu dadhabuu, arguuf rakkachuu, gariin fuula namaa ajajamuu dhabuu, mataa bowwoo cimaa, qaamni hadooduufi kanarra yoo hammaates hanga of-wallaaluu gahuu danda’a.
Istirookiin fayyuu danda’aa?
Deebiin gaaffii kanaa miidhama qaqqabee fi gosa dhibee kanaarratti hundaa’a kan jedhudha jedhu Dr Bisraat. Keessumaa dhangala’uu dhiigaa wajjin kan walqabatu saffisaan lubbuu namaa dabarsuu danda’aa jedhu.
”Qaamni sammuu miidhaan irra gahe xiqqaadha yoo ta’e fi miidhamaan atattamaan gara waldhaansa fayyaa yoo deeme miidhaan isaa hir’isuu yeroo keessas gara isa duraaniitti deebi’uu danda’a…Kan nu rakkisu namni barfateetu waldhaansaaf dhufa. Osoo sa’aa lama sadii keessatti dhufee…qorichootni miidhama kana xiqqeessan biyya keenya jiru” jedhu.
Kantaruu dhiigaa hambisuuf qorichoota kennaman seeraan hordofanii fudhachuu dhabuun Istirook deebi’ee akka nu miidhu gachuu danda’aa jedhu ogeettiin kun.
Haala jireenyaa fayya qabeessa hordoofuufi sochii qaamaa walitti fufaa gochuun Istirookii dabalatee rakkoowwan fayyaa hedduu irraa of eeguf akka gargaarus dubbatu.
”Sochii qaamaa gochuu jechuun dirqama Jiimii galanii hojjechuu jechuu miti. Yoo xiqqaate torbanitti yeroo sadii daqiiqaa 30’f sochii qaamaa gochuun ni danda’ama. Gosa nyaataa qaamaaf barbaachisoo soorachuu, kuduraaf muduraa argachuu, araada nama miidhan dhiisuu fi soorata cooma qabu hir’isuun dhibeewwan hedduurra of eeguuf gargaara.”
Namootni mallattoolee Istirook ofirratti argan atattamaan gara gidduugala fayyaa akka deemuu qaban Dr Bisraat ni hubachiisu. Miidhamni irra gahee hanga sa’aa afurii gidduutti wladhaansa yoo argatan miidhama san xiqqessuun ni danda’amaa jedhu.
Erga mudatee boodas akka hin hammaanne hordofii waldhaansaa cimsanii itti fufuun barbaachisaadhas jedhu. Waldhaansi sochii qaamaa (physio-therapy) gochuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dhibeen kun erga mudatee booda akka dhua jireenyaa ta’etti ilaalanii abdii kutuun jirakana jedhanoeettiin kun yeroo fudhatanii qorichaa fi sochii qaamaan fooyya’auun akka danda’amus dubbataniiru.
Hordoffii fayyaatiin namootni dhibee kanarraa fayyanii gara fayyaa isaanii duriitti deebi’an jiraachuus kaasaniiru.