Itoophiyaan lamiilee kuma 100 ol Sawud Arabiyaatti dararamaa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyatti galchuufi.

Koreen biyyaalessaa lammiilee Itoophiyaa Sawud Arabiyaatti rakkatanii jiran biyyatti deebisuuf hundaa’e lammiilee kuma 100 ol haala rakkisaa keessatti argaman yeroo gabaabaatti haala biyyatti galchu irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa hime.

Ministeerichi ibsa fuula Feesbuukii isaa irratti baaseen,kKoreen lammiilee Itoophiyaa Sawud Arabiyaatti haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyatti galchuuf hundaa’e karoora qopheesse irratti marii taasiseera.

Koreen kun dhaabbilee mootummaa 16 tahan akka miseensaatti of keessaa qaba.

Walitti qabduu Koree biyyaalessaa kan tahan Deetaan Ministera Alaa, Ambasadar Birtukaan Ayyanoo, komishinichi lammiilee biyyatti galchuu qofa osoo hin taane, qaamolee adda addaa hirmaachisuun hanga isaan bayyaanatanitti ni hojjeta jedhan.

Haalli lammiileen keenya keessa jiran yeroo kan itti kennisiisu miti kan jedhan Ambasadar Birtukaan, lammiilee keenya oolchuuf qaamni hundinuu wal deeggaruun hojjechuu akka qaban himan.

Ministera Dhimma Alaatti Daarikterri Waliigalaa Dhimma Qonsilaa Obbo Masfin Gabremaariyaam karoorri qabame haala biyyi keessa jirtu gidduugaleessa kan godhate tahuufi lammiilee biyyatti deebi’an deebisanii bayyannachiisuuf mootummaa federaalaa fi naannolee waliin akka hojjetan himan.

Biyyatti galuun duras odeeffannoon lammiilee mana hidhaa jiranii haala gaariin qindaa’uu akak qabuu fi yoo biyyatti galanis bakka tursiifaman keessatti wal dhiibbaan akka hin uumamneef wantootni barbaachisoon dursanii qophaa’uu akka qaban himan.

Karoorri kun yeroo itti aanu keessatti marii itti aanaan ministirri muummee Dammaqaa Mokonnin dursan irratti ” Koreen Biyyaalessaa Ittisaa fi To’annoo Yakka Dhala Namaan Daldaluu fi Daangaa dabarsuu” ragga’uun hojiirra kan oolu taha.

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamni manneetii hidhaa Sawud Arabiyaa kan akka Shumesii keessatti dararamaa akka jiran irra dedebiin himaa turan.

Yaala fayyaa dhabuu, nyaata gahaa dhabuu fi namootni dhukkubsatanii mana hidhaa keessatti lubbuun darbe illee yeroon achii akka hin kaafamiin turu BBCtti himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa darara hamaaf saaxilamaa akka jiran dhaabbileen mirga namoomaaf falmanis himuun mootummaan sawudii sarbama mirga namoomaa mana hidhaa keessatti raawwatu akka dhaabuuf gaafataa turan.

Tibbanas lammiileen Itoophiyaa feestala gurraacha uffachuun rakkoo lammiileen kun keessa jiran agarsiisuuf duula gaggeessaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa kumaatamaan gara biyyatti deebisaa turus ammayyuu kuma dhibbaan kan lakkaa’aman manneetii hidhaa fi bakkeewan tursiisaa adda addaa keessa akka jiran himama.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *