JAALALAA FI FINNIISA MAALTU WALITTI FIDA? FURMAANNI ISAA HOO?


Jaallalli tibba jalqabaa, fayyaa gogaa qaama keenyaa irratti dhiibbaa garagaraa fknf finniisa/bugurii fiduu ykn kan dura jiru hammeessuu ni danda’a, Kunis Karaalee rakkoon finniisa ittin dhufu keessaa tokko, yommuu dhangala’an akka zayita ‘sebum’ jedhamu, kan xannacha gogaa ‘sebaceous gland’ jedhamuun maddu, kan gogaan keenya akka hin gogneef gargaaru hanga barbaaddamuu ol oomishameedha, kanaaf Wantoota nu saaxilan keessaa tokko dhiphinnaa fi yaaddoo hamaa dha, namni jaallala keessa seenes, dhiphachuu fi yaadda’uu ni baay’isa.

Furmanni mana keenyatti goonu maali?

Ganama ganama akkuma hirribaa ka’aniin osoo homaa hin godhin hancufa iddoo finniisni fi rakkoon gogaa tokko tokko jirutti dibachuudhaan daqiiqaa 20-30 booda dhiqachuun finnisa balleessuu fi rakkoo gogaa tokko tokko fayyisuuf ni gargaara.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *