
Gaaffii karaa Keessaan hedduminaan dhiironni baay’een gaafatan keessaa tokko waa’ee jal’aa(dabaa) tahuu qaama saalaa dhiiraati. Qaamni saalaa dhiiraa hundumaa bocaan tokko miti.Kaan yeroo ka’u diriiraa yoo tahu kaan gara bitaa,mirgaa,gadi ykn olitti xiqqoo ni jal’ata.
Dhiironni hedduun kana ofirratti arganii yeroo dhiphataniif ofitti amanamummaa dhaban ni argina Yeroo tokko tokko sababa dhibeewwan keessoo maashaa qaama saalaa dhiiraa madaa’uu irraan kan ka’e (peyronies disease)qaamni saalaa dhiiraa akka jal’atu gochuu danda’a.
Kanaaf dhiironni qaamni saalaa keessan jal’aa tahe yoo yeroo saal-qunnamtii ykn yeroo qaamni saalaa keessan ka’u qaama saalaa keessan isin dhukkuba yoo tahe mana yaalaa deemuun filatamaadhaYeroo tokko darbee darbee qaamni saalaa dhiiraa uumamaan garmalee jal’aa tahe akkasumas yeroo kahu baay’ee dhukkubu dhiirota muraasa irratti ni mul’ata. Rakkoon kun yaalii baqaqsanii yaaluun kan yaalamu taha.