Jechoota Robert Mugabe bebbekamoo kanarraa baradhaa!


1, Guyyaa miindaan bahu Lukkuu nyaatta Adaduma Qarshiin Giphii keessatti haphataa si deemu Killee lukkuu nyaatta ammas Qarshii xiqqaata gaafa deemu nyaata lukkuun nyaattu Boqqoloof Qamadii nyaatta Guyyaa itti Aanu isas fixxe akka lukku waan nyaattu barbaacha asiif achi kaatta.”
2, Yoo jaalalleen kee galgala galgala qofa si waliin haasa’uuf ykn si waliin taphachuuf si barbaada/ddi ta’e, ati nama waliin jiraachaa jirta osoo hin taane BOOKEE waliin!
3, Namootni baay’een jaalallee malee jiraachuun hin dandaa’amu jedhu, ani garuu OXYGEN malee jiraachuutu hin dandaa’amun jedha!
4, Afiriikaa keessaatti seerri namootni hundi kabajan “battery low” kan jedhu qofa.
5, Dubartootni hundi hanga qorichi HIV AIDS argamutti wal quunnamtii saala(sex) hin hojjennu jedhanii otoo didaniiru ta’e Dhiirotni qoricha isaa guyyaa 30 keessatti argatu ture.
6, Aadamii fi Hewwaan otoo akka uummata chaayina ta’anii sila yoona jannatuma keessa jirra .sababni isaas mukicha hin nyaatinaa jedhamaan sana dhiisanii boficha nyaatu ture.
7, Ati jaalallee tokkoo ol qabda yoo ta’ee sikeessa kan jiru jaalala otoo hin taane “Memory card” dha.
8, Dubartootni tokko tokko waan jiimi (gym) hojjetan fakkaatu garuu mana jiimii (gym) balbala isaayyuu hin beekan, ta’us dhiira tokko biraa gara dhiira kan birootti fiiguuf jechaa kan bocni qaama isaanii bareedu.
9, Otoo Haadha manaa qabduu barattoota kee faana jiraachuun sitti tola yoo ta’ee haadha manaakeef yuuniformii barataa bitiif.
10, Seexanni iyyuu “gay ” hin qabu ture sababni isaa addamii fi hewwaan qullaa jiran waan filateef.
11, Ati miidhagduu miti taanan ani miidhagduu miti jedhi miidhagina keessaa kan jettu dhiisi ,nuti X-ray dhaan Ilaala hin deemnu.
12, Waaqayyoo qorataa cimaadha cinaacha dhiira mirga keessaa lafee tokko fuudhe sagalee guddistu(loud speaker) hojjete.
13, Addunyaan kun Biyya keenya Afrikaa kana nu miiteetti.


Faranjiin tokko otoo gara Afrika dhufee dawwataa, (tourist) jedhanii simatu
Afrikaan tokko otoo gara Awuropaa deeme
godaantota seeraan alaa jedhu.
Warri Afrikaa gara alaa yeroo dhaqan
hojjettoota faranjootaa ta’u faranjoonni yeroo gara afrikaa dhufanis isaanuma hojjechiisatu
Kaanafuu Afrikaan addunyaa kana irraa haqa qabdi.”

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *