
Kamisa Guraandhala 24, 2022 Raashiyaan kan ji’ootaaf loltoota ishee 100,000 ol gara daangaa Yukireenitti bobbaafte qeeqamaa turte magaala guddoo Kiyeev irratti haleellaa misaayelaa raawwatteetti.
Warri Lixaa Raashiyaan Yukireen weeraruu irraa akka dhaabbattu dirqisuusuuf qoqqobbii adda addaa kaahuun marii godhanis, waraanni sodaatame hin oolle.
Amma jiraattotni magaalaa Kiyeev sodaan magaalatti gadhiisanii bahuu eegalaniiru.
Dhalattuun Itoophiyaa magaalaa Kiyeev jiraattu Illeenii Abiroom ”halkan naannoo sa’aa sagalii dhukaasa boombii dhagaahamee” jechuun haleellaan yoom akka eegalame BBC’tti himteetti.
Kan jiraattu naannoo buufata xiyaaraa haleelamerraa lafa hedduu hin fagaanne ta’us, dhukaasaa boombii jalqabaan booda gadi baatee waan argite akka hin qabne himte.
”Biyya kana ayyaanotni hedduun waan kabajamaniif richiitiitu dhukaafame natti fakkaatee ture” jetti.
Eenyuyyuu hordoffii nuuf hin taasisu, Eembasiin Itoophiyaa as hin jiru. Raashiyaa jira. Lammiileen kaan karaa eembasii isaanii waan dhagahan nutti himaa turan. Eembasiiwwan lammiilee isaaniin bahaa jechaa turan. Nuuf kun mudannoo tasaati.”
Illeeniin magaala Kiyeev keessa lammiileen Itoophiyaa muraasa ta’anii barattootaa achi jiran tokko tokko akka beektu himti.
Kiyeev nagaa ta’uu waan dhabduuf daangaa Poolaandiif magaalaa dhiyaattu Liveevitti kann deeman jiru. Ariifachuurra Kiyeevuma haa turru kann jedhanis jiru” jetti.
Barattoota isheen beektu keessaa shan gara Liviiv imaluufi kan hafan Kiyeev jiraachuu himti.
Waliigalatti haleellaan Raashiyaa kun rifaatuu guddaa akkuma uume lammiileen homaa itti hin fakkaanneefi jireenya idilee isaanii itti fufan jirus jetti.
Muddamni Raashiyaa, Yukireeniifi michoota ishee gudduutti hammaachuu hordofee biyyootni kaan guyyoota muraasa darban lammiileen isaanii Yukireenii akka bahan dhaamaa turan.
Torban darbe keessa sodaan daangaa qilleensaa Yukireen qaxxaamuruu waan dhalateef daandileen xiyyaaraa gara Yukireeniifi daangaa Yukireen keessa balali’uu adda kutanii turan.
Haleellaa pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ajajan kanaan hanga ammaatti namootni saddeet ajjeefamuu Yukireen ibsiteetti.
”Daangaa Yukireen gara Bahaa muddamni irratti dhalate qofa osoo hin taane Kiyeev mataan ishee haleellaa jala jiraachuu beekuun rifaatuu guddaadha.”
Namoota du’uun isaanii ibsameen cinaatti namootni 19 achi buuteen isaanii dhibuunis gabaafameera.
‘Bakki nagaa jedhamu hin jiru’
Gulaaltuun BBC Yukireen magaalaa Kiyeev jirtu Maartaa Shokaaloo ibsa pireezidant Vilaadimiiri Puutiin dhagahanii waahillan ishee wayita ergaa erganiif halkan hirribaa ka’uu gabaaste.
Putiin weerarri akka eegalamu ajaja dabarsuu isaaniin booda osoo hedduu hin turiin dhukaasni dhagaahame jetti. ”Mana kiyya taa’eenan dhagaha. Namootni kaan bakka adda addaa jiraatanis garee waatsaappii keenyarra ergaa dhukaasni naannoo isaaniittis dhagaahamuu himu qooduu eegalan” jetti.
”Ammaa booda Yukireen keessa bakki nagaadha jedhamu hin jiru” jetti.
”Yaaddoon uummata nagaa inni guddaan ibsaa dhabuufi intarneetnis yoo adda cite addunyaan adda bahuudha. Sodaan biraan riqichi laga Dnieper yoo rukutame kutaa magaalatttii bahaafi lixatti adda kutuudha.”
Dhukaasni jalqabaa daqiiqaawwan 30’f kan itti fufe ture.
”Supparmaarkeettii mana koo cinaa jiruufi ATM bira hiriira guddaatu jira. Hedduun isaanii maallaqni keessaa dhumeera. Buufataaleen boba’aa hedduunis boba’aa fixatanii cufamaniiru. Qilleensa sodaatu jira, guutuun biyyattii haleellaa jala jirti.”
Daandiin magaalittii nama baasuu heddummina konkolaataan cufameera. Baaburri hojiirra jira, garuu namni hedduun itti yaa’aa jira. Daangaan qilleensaa ammoo cufameera.
Haleellaa hanga ammaan kan miidhaman bakka waraanaa qofa osoo hin taane bakka jireenyaa uummataas ta’uu suuraalee biyyattii bakka adda addaatii bahan irraa hubatameera jetti Maartaan.
Haleellaan Raashiyaa kun daangaa fagoo Poolaanditti siiqu marallee waan xiyyeefateef guutuu biyyattiitu haleelamaa jiraa jetti Maartaan.