Lubbu-qabeeyyii xixiqqoo fuula keenyarratti saal-qunnamtii raawwatan jiraachuu beektuu?

Namoonni hedduun gogaasaanii kunuunsuuf jecha guyyaa guyyaan dibataan laaffisuu, luqqisuufi ifa aduu irraa eeguu hojii idileesaanii godhatu.

Lubbu-qabeeyyiin baayyee xixiqqoo qaawwa gogaa qulqulleessan, kanneen akka’ Demodex folliculorum’  jedhaman umurii isaanii guutuu fuula keenya keessa jiraatan akkam ta’u laata?

Halkan lubbu-qabeessa dheerinnisaa mm 0.3 ta’e qaawwa gogaa gadhiisee bahuun qaawwa gogaa haaraa barbaada. Kunis hirriyaafi jaalallee isaa waliin wal arguufidha.

Fakkeenyaaf, kutaa dhiqannaa seenuun wayita fuula keenya gutuu sukkuumnee dhiqannuus, isaan balleessuu hin dandeessu. Lubbu-qabuuyyiin kunneen gogaa qaama keenyaa keessa gadi fagaatanii waan jiraataniif dhiqattee baasu hin dandeessu.

Namoonni %90 ol taanu lubbu qabeeyyii garmalee xixiqqoo kanneen ofirratti fudhannee waliin jiraachuu kan eegalle dhaloota keenyarraa kaasee, wayita harma haadha keenya hoonu irraa eegaleeti jedhu qorattoonni.

Oggeettiin qorannoo kana Yunvarsiitii Riidiing jedhamurraa barreessan Dr. Alenjandiraa Perottii akka jedhaniitti; ”lubbu-qabeeyyii kanaaf dawoo ta’uu keenyatti gammaduu qabna. Isaan waliin hariiroo jalaala hangas guddatu qabbnas,’’ jedhan.

‘‘Lubbu-qabeeyyiin kunneen baayyee xixiqqoo fi gaariidha, isaan oifrraa qabaachuun keenya nu yaaddessuu hin qabaatus,’’ jedhan.

‘‘Lubbuu-qabeeyyii kanatu qaawwa gogaa keenyaa qulqulleessee walqixxeessa,’’ jette.

‘‘Kanaaf, jecha yaadda’uu hin qabdu. Lubbu-qabeeyyiin ijaan hin mul‘anne si waliin jiraachuu isaaniifi miidhaa homaatuu waan sirraan hin geenyeef gammaduu qabda,’’ jedhan.

Qorannoon akka mul’isutti, hariiroon isaan waliin qabnu guddaa ta’uu, garuu lubbuu-qabeeyyiin mites jedhaman ilbiisota keessaa kanneen hunda caala qaccee xiqqaa ta’e qaban ta’uusaanii agarsiise.

Qacceen lubbu-qabeeyyii xixiqqoo kana carallaa ifaa aduutiin baduu malaa garuu lubbu qabeeyyiin kunneen dammaqiinsa kan qaban halkan qofaadha.

‘‘Halkan wayita hirriba cima keessa jirtu qaawwa gogaa kee bira kan deeman walqunnamtii saalaa raawwachuu fi daa’ima godhachuufidha,’’ jedhu Dr. Perottiin.

Lubbu-qabeeyyiin kun qaawwa gogaa keenyaa akka odola jaalalaatti keessa dhokachuuf itti gargaaramu jedhan.

Qorannoon akka agarsiisutti, wayita heddumminni qaccee isaanii xiqqaate nurratti hirkachuun isaanii ni dabala jedhan. Kana jechuun ammoo guutummaattii dhabamuuf saaxilamoodha jedhan.

Qorannoon kun qaccee sanyii lubbu-qabeeyyii kana akka dammaqsuufi akka rafan taasisu argachuu qaba ture garuu hin dhiyaanne jedhan.

Lubbuu-qabeeyyiin kunneen wayita rafnu hangi horomoonii gogaa keenya keesatti maddu xiqqaachuu kan bira gahan yoo ta’u, kanatu isaan dammaqsa.

Lubbu-qabeeyyiin xixxiqqoon qaama keenya waliin wal baru. Hanguma qaama keenyaan wal baran qaccee sanyii isaanii dhabu, adeemsa keessa jiraachuuf guutummaatti nurratti hirkatu.

Waan nurratti maxxananiif jecha qaawwa gogaa keessaa hin bahan, jaalallee isaanii haaraa barbaaduuf malee hin bahan.

Kanaafuu yoo isaan dhabne maaltu ta’a?

‘‘Lubbu-qabeeyyiin xixiqqon kunneen fayyummaa gogaa keenyaa waliin hariiroo qabu. Kanaaf, yoo isaan ofirraa dhabde rakkoon gogaaf saaxilamna,’’ jedhan Dr. Perottiin.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *