MAASTIKAA ALANFACHUU: Miidhaa fi Faayidaa

FAAYIDAA ISAA

  1. Muddamuu(stress) hirisa: Muddama keessa jirru irraanfannee yaada keenya akka sassaabbannu godha. Qorattootni baayeen barattootni yeroo qormaata qoraman osoo mastiikaa fayyadaman yaadni isaanii akka sassaabamu gargaara jedhu. Biyya keenyattillee daree barnootaa fi qormaatarratti yeroo baayee mastikaan hin eeyyamamu.
  2. Fayyaa afaanii fi jabina ilkaaniif, inni kun maastikaa qabiyyeen isaa sukkaara hin qabnedha. Yeroo maastikaa alanfannu sossochiin afaanii buusaawwanii fi maashaalee afaan keenyaan walqabataniif ispoortii waan taheef ni jabeessa.
  3. Hancufni baayyinaan akka maddu waan gargaaruuf qulqullina afaan keenyaaf gaariidha.
  4. Ulfaatina ykn furdina hirisuuf; maastikaa alanfachuun sa’aatii tokko keessatti aannisaa kaaloorii kudha tokkoo ol gubuu ykn fixuu ni dandaha.
  5. Suusii tamboo dhaabuuf ni gargaara. Mastiikaan qabiyyee tamboon walitti dhiyaatanii qophaahan namoota tamboo dhaabuu barbaadaniif ni fayyadu.
  6. Dammaqnee akka hojjennuuf nu gargaara
  7. Foolii afaanii foolii mastiikaatti jijjiira

MIIDHAA ISAA

  1. Maastikaan qabiyyeen isaa sukkaara of keessaa qabu ilkaan keenyaaf balaa ta’uu ni danda’a. Sukkaarri baakteeriyaaf waan barbaa isuuf salphaatti akka baakteeriyaan ilkaan keenyarratti walhoru taasia.
  2. Maastiikaa yeroo hundaa keessumaa karaa tokko qofaa alanfachuun karaa ittiin alanfannu jabeessee karaa ittin hin alanfanne faana wal caalchisuullee ni dandaha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *