
Magaala Finfinnee kutaa magaala Gullalleetti Zayitiin Nyaataa Man-kuusaa 4 keessatti kuufame dhokfame to’annaa jala oole.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaala’insa jireenya to’achuu cinaatti hojiilee seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhachuuf koree hundeessee hojjechaa jira.
Bu’uruma kanaan korichi sakatta’iinsa fi hordoffii taasisaa jiruun kutaa Magaalaa Gullallee aanaa 5, maqaa addaa bakka bashanaanaa Mulgeetaa jedhamutti eeruu hawaasaatiin zayitiin nyaataa seeraan ala kuufamee ture to’atameera.
Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee irraa