Magaalaa Adaamaatti zayitiin nyaataa lit.700,000 to’atamuun ibsame.

Magaalaa Adaamaatti sakatta’insa manneen kuusaa irratti gaggeefameen manneen kuusaa fichisiistota seeraan alaa 10 fi manneen kuusaa raabisitootaa 15 saamasamee, hanga oduun kun qindaa’etti ragaa adda ba’een magaalicha keessatti manneen kuusaa 8 keessatti zayitiin nyaataa lit.700,000 argameera.

Adaamatti guyya har’aa zayitiin nyaataa dhangala’aan abbaan lit.5 qarshii 600-650 tti ummataatti akka gurguramu ta’eera.

Mootummaan daldaltoota sababa malee karaa seeraa alaa zayitii nyaataafi meeshaalee ijaarsaarratti gatii dabalan irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaa Itti Aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Warquu Caalaa ibsaniiru.

Biirichi koree of danda’e hundeessuun, ka’umsa qaalayinsa gabaa kana sakatta’uun daldaltoota karaa seera qabeessa hojjetan jajjabeessuun kanneen ta’e jedhanii ummatarratti gatii dabalan irratti ammoo tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuu eegaluu isaa kaasaniiru.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *