
Maramuun Cidhaani wantoota dhukkubbii tasaafi hatattamaa cidhaanii fidan keessaa tokkodha. Hedduminaan namoota umurii 12-18 gidduu jiran irratti kan mul’atudha.Maramuu cidhaanii yeroo jennu cidhaaniif ujummoon Cidhaan keessan jiran yeroo Maramuun balaa qaqqabu jechuudha.
Cidhaaniif Ujummoon Cidhaan keessa jiru yeroo ofirra maraman maaltu uumama?Cidhaaniif ujummoon Cidhaan keessa jiran yeroo maraman hiddi dhiigaa dhiiga gara tishuu cidhaanii geessuufi deebisu akka cufamu gochuun seeliin cidhaanii akka dhiiga hin arganne godha. Dhiigni gara seelii cidhaanii deemu kun yoo addaan cite yeroo dheeraaf ture seelonni cidhaanii du’uun Cidhaan akka hojiin ala tahan gochuu danda’a.
Mallattoon isaa maali?
- Dhukkubbii tasaaf hamaa tahe naannoo cidhaaniitti namatti dhagahamuu Dhukkubbiin kun keessumaa halkan walakkaa hirriba keessaa Nama kaasuu danda’a
- Dhiita’uu qalqalloo cidhaanii
- Garaa dhukkubbii
- Haqqisiisuu fi ol guuruu
- Fincaan ammaa amma fincaansisuu
- Cidhaan gara oliitti ol siquifaadha Kanaaf mallattoo akkanaa yoo ofirratti argitan ykn ijoollee keessanirratti argitan hatattamaan gara mana yaalaa geessuun yaalchisuun barbaachisaadha.Sahaa
- booda seelonni cidhaanii du’uun cidhaanni haphachaa deema.Yeroo dheeraaf yoo turtan seelonni cidhaanii hojiin ala tahanii dhala dhabuufillee nama saaxiluu malu.