
Wantoonni milkaa’ina Jireenyaa gonfachuu irraa
Nama ittisan hedduutu jiru.
Kanneen keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
- Fedhii dhabuu.
- Kufaatii sodaachuu.
- Jechaa namaaf iddoo kennuun, duubatti mucucaachuu.
- Ofitti amanamummaa dhabuu.
- Dandeettii fi humna ofii wallaaluu.
- Mul’ata dhabuu.
- Kaayyoo malee jiraachuu.
- Kutannoo dhabuu.
- Nama ilaalanii karoorsuu fi karaa nama biraa hordofuu.
- Abdii kutuu.
- Waan xixiqqootti Kufuu.
- Sodaachuu.
- Of tuffachuu.
- Wareegama kaffaluu sodaachuu.
- Dhugaa jireenyaa fi addunyaa wallaaluu.
Wantoonni kunneen namni akka hin milkoofneef namaa fi milkaa’ina isaa gidduutti dallaa warra ijaaranidha. Namoota dallaa kana cabsantu milkaa’ee jiruu bareedaa arga. Warri harka laate immoo osoo iddoo yaade hin ga’in karaatti hafa.
Kaayyoo ofiif kutannoo fi jabina godhatanii, gufuu kanneen irra tarkaanfachuun nama milkeessa.