
Lammiileen Kolombiyaa jijjiirama barbaadan argachuuf maanguddoo mooticha TikTok ta’an umuriin isaanii waggaa 77 ta’aniifi riphe-lolaa duraanii turaniif sagalee isaani kennaniiru.
Filattoonni Kolombiyaa kanaan dura gaggeessitoota paartii siyaasaa soshaalistii ta’aniifi rifoormiitti amanan filatanii hin beekne, amma haala jaa’iba ta’een riphe-lolaa duraanii Gustaavoo Petiroof sagalee isaanii kennaa jira.
Haata’u malee, Mr. Petiroon qabxii argataniin parsantaa 12n dursaa jiraatanillee, sagalee mo’ichaaf barbaachisu %50 milkeeffachuu hin dandeenye.
Kanaaf, filannoo marsaa lamaffaaf gaggeeffameen Motichi TikTok umuriin isaanii ganna 77 ta’eefi dureessa ta’an Rodoolfoo Hernaandeez sagalee hanga eegamee ol argachaa jira.
Dureessi kun keesssumaa duula miidiyaa hawaasummaa iratti taasifameen milkaa’ina eenyuyyu hin eegiin argateera.
Kadhimamtoonni lachanuu Kolombiyaa jijjiiruuf waadaa kan galan yoo ta’u siyaasa biyyattii kanaan dura garee hayootaa humna qaban muraasa magaalaa guddoo biyyattii Bogotaa keessa jiraataniin qabamee ture hundeerraan sochoosan.
Duulli filannoo pirezidaantummaa yeroo jalqabetti miliyeenarri abbaa qabeenyaa ijaarsaa Rodoolfoo Hernaandeez magaalaa bara 2016 hanga 2019tti kantiibaa ta’uun tajaajilan Bukaaramaangaatiin alatti hedduu hin beekaman ture.
Jalqaba irratti, viidiyoon isaa miidiyaa hawaasummaa isaa kan akka TikTok irratti gadhiifame ajaa’iba kan jedhame yoo ta’u, morkataa isaa hedduu beekamaa ta’e duraan riphe-lolaa turetti dhiyaatee kokkee qaba jira.
Osoo hin eegamiin ka’uun nama ajaa’ibsiise Rodoolfoo Hernaandeez, morkataa isaa kan mo’achuudhaaf paartii biroo waliin tokkummaa uumuun barbachisu caalaa kaadhimamaa of danda’ee dhaabbatu ta’eera.
Miidiyaa idilee irratti akka riphe-lolaa duraanii morkataa jiru kanaa beekamtii dhabullee, miidiyaa hawaasummaa irratti garuu mootiin TikTok kun, hordoftoota isaa bira karaa ergaa gababaa haalaan qaqqabaa tureera.
Hodoftoonni isaa miidiyaa hawaasummaa irratti gara miliyoona walakkatti kan guddate yoo ta’u, viidiyon isaa ammoo namoota miiliyoona afuriin daawwatameera.