Nama tokkoo ol waliin quunnamtii jaalalaa qabaachuun faayidaa akkamii qaba?

“Isiniif kan qofaa jechuun maaliidhaa? jechuun gaaffattee turte Amii Haart kan bara 2019 keessa dorgomtuu ‘UK reality TV show Love Island’ turte yoo waa’ee jaalala nama tokkoon olii waliin qabaatan jiraachuu mirkanneessuun haasaa eegalteetti.

Hiriyaan dhiiraashee Kartiis Pirchaard dhoksaatti osoo isheen hin beekiin jaalallee dubartii akka qabateeru beekti turte.

Guyyaa isheen haala jaalalleen ishii kun itti dubartoota lama jidduutti (isheefii dubartii biraa waliin) haala walfakkaatuun jaalalaan jiraachaa itti tureefi attamiin akka ishee itti gane wayita haala tasgabbaa’een himuu eegaltu, hiriyaan ishee Pirchaard teessumasaa keessa walitti galee taa’aa ture.

Haart isaan duraa jaalalli dhugaa namoota wal jaalatan lama qofaa jidduu kan jirudha jettee amanti turte. Jaalalleen ishee kun garuu seera sana cabseera.

Kunis walitti dhfeenyi ilmaan namootaa seenaadhaan haala dhiira tokkoofi dubartii tokkoon jiraachuu kan hawaasa baayyee keessatti fudhatamu caalaa wal xaxaa ta’ee mul’ata.

Gara haala jireenya waloo bara durii sanatti deebina ta’aa laata?

Suuraa dubartii harkashee saggee dhiira harka dubartii biraa qabatee irra kaawwatte

Waliigalteedhaan nama tokkoo ol waliin gaa’ela qabaachuun jaalalleewwan akka namoota biraa waliin jaalala qabaataniif carraa kennaaf. Kunis mana tokkoo ol dhaabbachuufi walitti dhufeenya jaalalaa ifa ta’ee nama biraa waliin qabaachuu ta’uu mala.

Walitti dhufeenya akkasii keessatti cimdiiwwan daangaa jaalala nama biraa waliin ummatan irratti waliigaluu danda’u.

Gaa’ela nama tokko qofaa waliin dhaabbachuun fudhatama qabaatee osoo jiruu, hawaasa hedduu keessatti garuu ilmaan namaa wayita jaalallee isaanitiin ala nama biraa waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf fedha qabaatan ni mullata.

Qorataan xin-samuu Jastiin Lehmilar kitaaba isaa ‘Tell Me What You Want’ jedhu keessatti lammilee Ameerikaa 4,000 akka jireenya quunnamtii saalaa keessatti waan itti gammadan gaafatee ture.

Baayyeen isaanii namoota sadii waliin jaalala ummachuutti akka gammadan ibsan.

Namoota sadii paarkii keessa fiigaa jiran

Akka Amy Muise Kananadaa Torontoo, Yunvarsitii Yoorkiitti gargaaraa pirofeesara Saayikolojii jedhaniitti, ”waa’ee namoota walitti dhufeenya jaalalaa keessa jiranii hunda yaadne, parsantaa 5 kan ta’an wal hubannoon kan gaa’elaan ala deemaniidha.”

”Muuxannoo jireenya guutuutiin ammoo, kanneen parsantaa 21 ta’an yeroo ta’eetti kan nama tokkichaan ala yaalaniidha,” jedhan.

”Haallii akkasii kun baramaa dhufuusaa baayyee na hin dinqisiisu,” kan jedhu ammoo Amy Muurs, Kaaliforniyaa Yunvarsitii Chaapmaaniitti gargaaraa pirofesara Xinsammuuti.

Kunis haala hawaasa keessa jiraatamuutiin kan wal qabatu ta’ulleen ni himu.

Haata’u malee, ammatti namoonni akkasii kun sababii weerara Covid-19tiin carraan isaan itti maatiin ala bahuun jaalallee biraa itti barbaadan biyyoota tokko tokkotti hir’ateeras jedhu.

Namoonni gaa’elaan ala nama biraa waliin jaalala uummatan, yeroo isaan jaalallee isaanii manaan alaa waliin itti dabarsan xiqqaadha.

Kun ammoo hangam nageenya isaanii irratti dhiibbaa akka qabaatu ifa miti.

Garuu ammoo qorattoonni Xin-samuu hawaasaa akka jedhaniitti, namoonni jaalalleewwan hedduu qabu, isa kan jaalallee tokkittii waliin jiraatu caalaa faayidaawwan hedduu argachuu mala jedhu.

Dhiiraafi dubartii tokko qofaan jiraachuun yoom eegale?

Dhiirsaafi niitii afuuffee qabattee goodaarratti wal dhungataa jiran

Seenaa ilmaan namaa keessatti dhiiraafi dubartii tokko jidduutti gaa’ela dhaabbachuun yoom akka jalqabe ilaalchisee sirriin hi nbeekamu.

Qorattoonni damee kanaa garuu wayita duriitti garaa garummaan qaamaa dhiirotaafi dubartoota gidduu waan tureef dhiirri tokko dubartii tokko qofa waliin jiraachaa akka tureef (non- monogaamy) ta’usaaniitiif akka ragaatti kaasu.

Dhiironni bara durii qaamaan dhubartoota irra baayyee guddaa ta’unsaanii gama lamaaniitiinuu kan isaaniif ta’u barbaacha jecha nama tokkoon ol waliin quunnamtii saalaa raawwataa turan jechuun mormu.

Haalli kunis yeroo hunda dhugaa ta’uu baatulleen jaldeessa gurguddaan lolaan garee kaan mo’atu haaluma dubartoota naannoo isaa jiran kan ofii taasifatu sana eeruun, sanyii ilmaan namaa durii birattis kun dhugaa ta’uu himu.

Haata’u malee, gareewwan qorattootaa hambaa sanyii qorachuun yaada kana mormaniis jiru. Gareen kunis ilmaan namaa dubartiifi dhiirri tokko qofti quunnamtii saalaa raawwachuun (monogamy) durii kaasee jiraachuu hin oollee ture jechuun mormu.

Musuroota guyyaa gaa'ilaatti wal dhungataa jiran

Ragaalee hambaa irraa akka barameetti, ilmaan namaa bara durii gareewwan maatii xixiqqoon walitti dhiheenyaan jiraataa turan.

Qorannoowwan keessatti sanyii ilmaan namaa adamoon jiraatanii dubartiifi dhiirri tokko qofti waliin jiraachaa ijoollee akka godhataa turan mul’isu.

Filmii baacoo bara 1969 Bob fi Carol, Ted fi Alice

Ammatti wanti nu beeknu yoo jiraate, parsantaan 85 hawaasa addunyaa ammayyaa’aa keessatti jireenyi ykn gaa’elli nama tokkoon olii kan adabameedha.

Walumaagalatti, haalli addunyaarratti mul’atu dhiirri tokko dubartii tokko waliin qofaan jiraachaa (walitti dhufeenyaa quunnamtii saalaa qabaachuu) mul’isa. Kunis waan baramedha, garuu seenaadhaan ilmaan namaa haala kanaan jiraachaa kan hin turre ta’uu mul’isa.

Ofii dhiirriifi dubartiin tokko qofti bara jireenyaasaanii waliin akka jiraataniif maaliif akka gaariitti fudhatame?

Kanaaf dhiibbaan aartiifi aadaan guddina ilamaan namaa keessatti qabu olaanaa ta’uu hima qorataa Moorsi. ”Bakka baayyeetti, maatiiwwan keenya wal fudhanii walumaan jiraachaa argaa guddanne. Bakkee baayyeettis ammoo dhaabbileen gaa’elaa jiru.

”Keessattuu erga lafa qabatanii kun keenya jechuun eegalameen booda, gaa’elli eegale. Innis haala namoonni ittiin qabeenyaasaanii maatiitti ittiin dabarsaniidha. Yeroo sanaa jalqabee haati warraafi abbaan warraa waliin jiraachuufi saalaa lamaan wal hawwachuu (heterosexuality)n dursa kennuu kan eegalan.”

Namoota biraas ilaaluun gaariidhaa?

Qorannoon akka mul’iseetti cimdiiwwan fedhii quunnamtii saalaa garaagaraa qaban yoo nama biraa bira deemuu eegalaniitti namoota kaan caalaa gaahilsaanii ni diigu.

”Walitti dhufeenya keessatti yeroo hedduu fedhiin cimdiiwwan lamaan jidduu garaa garummaan ni jira,” jedha Muyis.

Haata’u malee, ”Yoo namoota biraa waliin quunnamtii yaaluuf fedhii kan qabu ta’e yaalee baruun gocha fayya qabeessaadha,” jedhan.

Namoonni baayyeen cimdiisaaniitti ifatti himu baatanilleen gochuun kun kan baroota dheeraaf turedhas jedha.

A man and a woman sit on a couch reading

Haata’u malee, namoonni muuxannoo akkasii keessa darban waa’ee walitti dhufeenyaafi gammachuu quunnamtii saalaa isaanii ilaalchisee ifatti himuu hin fedhan jedha qorataan kun.

”Namooti waa’ee walitti dhufeenya isaan nama biraa waliinii dubbachuuf fedhaniifi kan amma dhaabaniif gammachuunsaa olaanaadha,” jedha Samaantaa Jool Yunvarsitii Weest Landaniifi Kanaatti gargaaraa pirofesaraa Xin-sammuu kan ta’an.

Haata’u malee, namoota jaalallee tokkoon ala deemaniif, muxannoon gammachuu quunnamtii saalaa nama lammaffaa waliin argamu, fedhii kan jalqabaa waliin qaban jalaa akka hir’isu himu Jool.

Kunis sababii inni alaa nama biraa waliin gammadee galuu biraa fedhiin kan jalqabaa waliin gammadduu waan gadi buu’uuf jedha.

”Namoonni jireenya quunnamtii saalaa isaanitiin yoo gammadan karaadhuma ta’ee akka himan ni beekna. Garuu namoota cimdiin ala namoota biraa bira dhaqaniif daangaansaa waan hin beekamneef ifatti dubbachuun rakkisaadha,” jedha Jool.

Gammachuun miiraa, nagummaan namatti dhagahamuun, guddachuufi walitti hdiheenyi walitti dhufeenya barame keessatti yeroo gara yerootti kan dagaagudha. Haata’u malee, dharraafi osoo hin yaadne quunnamtii saalaaf barbaachi wal jalaan ni hir’ata.

”Jalqabarratti saalaa faallaatiin hawwatamuufi dardarummaatu jira. Achinii ammoo waanuma barame ta’a. Kanaaf, yeroo hunda akka haaraatti yaaduun fedhii cimaan waliin jiraachuu ni rakkisa,” jedhu oggeettiin Xin-sammuu Yunvarsitii Yoork, Rhondaa Baalzain.

Baalzaariin kanaaf akkasiin fakkeenya keessi. Nama jalqaba waliin gaa’ela dhaabbatanii, waliin jiraatan, ijoollee waliin godhattaniifi itti-gaafatamummaa jireenyaa waliin qooddattu. Gochaawwan kanneen hundaaf dirqama akka fedhii quunnamtii saalaa wal hawwachuun barbaachisaa hin ta’u jetti.

Namni lammaffaan fedhii saalquunnamtiif bira deemamuus itti-gaafatamummaawwan kanneen si waliin hin qooddatu. Kanaaf, fedhiifi hawwattummaan gaa’ela kee duraa waliin qabdu gadi bu’uun kanaaf si hin gargaaru jetti.

Tarii namni lammaffaan sun fedhii quunnamtii saalaa caalaa siniif guutuu mala ta’a jetti.

Kanaaf, namoonni muraasni gaa’elasaanii jalqabaa keessa jiraachaa haalli itti fedhii saalqunnamtii kan duraa irraa dhaban ifatti beeksiisuun nama biraa irraa itti argatan akka jiru hima Jool ammoo.

Garuu niitiin abbaan warraashee dubartii biraa akka fuudhu/dhaquuf hayyamtu attamiin innaaffaa dandeessii?

Dubartii dhiiraafi dubartii biraa siree keessa jiran ilaaltu

Cimdiiwwan biratti tokkoon isaanii waan ta’eetti wayita gammadan arguun gammaduun kan barameedha.

Haata’u malee, haalli kun yeroo hedduu dhimma walitti dhufeenya quunnamtii saalaatiin ala kan ta’udha.

Darbee darbee ammoo abbaan warra haadha warraa lama bakka fudhuutti haatii warra jalqabaa haalli itti akka abbaan warraashee dubartii biraa waliin gammachuu argatuuf waliigaltu ni jira. Kana jechun garuu innaaffaan gonkumaa itti hin dhagahu jechuu miti.

Gama innaafaatiin yoo ilaalame kan dhiirootaa cimaa ta’uu barreessite jirti Kaatiriin Aumerr, Yunvarsitii Haawaayi Paasifikiitti qorattuu kan taate.

Akka yaad-rimee jijjiirama tirataa (evolution) mul’isuutti, abbummaa ijoollee isaanii baruuf kan caalaa kaka’an dhiiroota. Dubartooti garuu abbaa ijoollee isaanii baruuf dhima walxaxaa miti.

Dubartii dhiiroota lama qorannoo ulfaa eegataa jiran jidduutti argamtu

Haata’u malee, waadaa galame wayita cabuutti dubartoonni caalaa akka innaafan himti Aumeer.

Dhiibbaa ijoollee guddiisuu ilaallatuun, dubartoonni dhiira isaan waliin jiru akka isaan waliin turuun nyaataafi eegumsa isaaniifi ijoolleef taasisu gochuuf kaka’umsa cimaa qabu.

Dhiirrii dubartii biraatiin hawwatame jechuun, silaa waan dhiira sanarraa argachuu malan haalaan hin argatamu jechuudha.

Ergasuu namoonni maaliif diira/dubartii bira deemuu filatu?

Namoonni muraasni kaan caalaa yeroo tokkotti walitti dhufeenya quunnamtii nama tokkoon ala haalaan qabachuuf dandeettii akka qaban ragaaleen ni mul’isu.

Yaad-rimee walitti dhufeenyaas miirriifi nageenyuummaa ykn nagenyummaan itti dhagahamuu dhabuun attamiin walitti dhufeenyawwan keenya akka itti kallatti qabsiisuufi maaliif namoonni abbaa warraasaanii ykn haati warraasaanii nama biraa bira akka demtuuf akka hin barbaadne ni ibsa.

Cimdiiwwan qarqara siree kallaattii faallaa ilaalun taa'aa jiran

Kiriis Firaalii Yunvarsitii Ilinoos irraa ragaalee deebii gaaffiilee qorannootiif waggoota 20f kenname walitti qabaa ture.

Waliigalattis namoonni kuma 200 ta’an gaaffii qorannoo kana gutaniiru.

Ragaa kanatti fayyadamuunis, namoota nageenyummaan itti dhagahamu, kan baayyee hin yaaddoofne, nama kaan ofirraa fegeessuun kan barbaadaniifi kanneen akka salphaatti hin qaanoofnetu nama tokko caalaa jireenyaa nama biraa waliin walitti dhufeenya quunnamtii qabaachutiin hawatama jedhan Moorsi.

Akkasumas, irra caalaa namoota quunnamtii saalaa nama tokko waliin gammachuu hin arganneetu jireenya akkasii filatas jedha.

”Namoonni walitti dhufeenyaa tokkoon olii qabaatan waliigalatti isaan fedhii caalaa qabaniidha,” jetti Baalzaarin.

“Namoonni walitti dhufeenya quunamtii saalaa tokko qofaan jiraatan fedhiin jaalalaafi quunnamtii saalaa isaanii madaalawaadha.

Namoonni dhiira ykn dubartii tokkoo olii waliin oolan garuu fedhiinsaanii kunneen baayyee cimaadha. Kanaaf, fedhii jaalalaafi quunamtii saalaa isaanii lamaanuu nama tokkicharraa haala barbaadaniin itti gammaduu hin danda’an.”

Dubartii ishee aarte jirtu fakkaattu tasgabbeessuuf yaalaa jirtu

Qorannoo kanaanis, dhimma quunnamtii saalaatiif nama tokkoon ol bira deemuuf fedhii qabaachuu kana ilaalchisee, garaa garummaan walitti dhufeenya umurii, galii, eddoo, barnootaa, sanyii, sabummaa, amantaa ykn siyaasaa akka hin jirree Moorsi ni dubbata.

Kana malees, haala jireenyaa hawaasa hedduu biratti fudhatamaa ta’e, kan dhiirri tokkoofi dubartiin tokko qofti waliin jiraataniin ala bahuuf sodaan maalan jedhamaa bakka hunda jiraachuu Moorsi ni dubbata.

Hawaasa tokko tokkoo keessatti, dhiibbaan nama jireenya dubartii tokkoo ol waliin walitti dhufeenya quunnamtii saalaa qabaachuu barbaadan irra gahuu malu cimaa ta’uu danda’a.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *