
Paakistaanitti namni amantii dubartii ulfa, dhiira dahuu barbaaddu milkeessuuf mismaara rukute barbaadamuu eegale.
Dubartiin kun misaamaara saantimeetira shan dheeratu piinsaadhaan of keessaa baasuuf erga yaaltee booda gara hospitaala Peshawar deemte.
Dubartiin kun jalqaba misamaara mataa isheetti rukutuu poolisiitti dubbattee booda garuu odeeffannoo namootarraa argatteen namni amantii dhiira akka deessu waadaa galeef mataa ishee keessa misamaaraan rukutuu fi gaafatamaa ta’uu himte.
Poolisiin dhimmicha qorachuu kan eegale suurri qorannoo x-ray kan miidhama mataa dubartii kanaa agarsiisu miidiyaa hawaasaarra erga gadhiifamee booda.
Hospitaala ‘Lady Reading’ keessa kan hojjetu Dr Haayider Kahaan, dubartiin kun jalqaba gara mana yaalaa yeroo dhuftu kan of beektu ta’us dhukkubbii jabaa keessa turtee” jechuun dubbate.
Dubartiin kun haadha ilmaan dubaraa sadii yoo taatu, ammaas irra deebiin durba deessi yoo ta’e abbaan warraa ishee dhiisee akka deemu dhaadachuu isaatiin tarkaanfii kana fudhachuu ishee ogeessi fayyaa himeera.
”Isheen amma ulfa ji’a sadiiti, sodaa abbaa warraa isheef jecha gara warra nama amantaa bira deemte” jechuun hojjetaan mana yaala isheen itti yaalamtee tokko barruu biyyattii ‘Dawn’ jedhamutti hime.
Biyyoota hiyyeeyyii Kibba Eeshiyaa jiran keessatti dhiirri maatiif qabeenya hora ilaalchi jedhu waan jiruuf namootni amantaa kadhataafi waan gariin dubartootni dhiira akka dahan gargaaru jedhama.
Namootni amantaa kunniin kutaalee Paakistaan garii keessatti fudhatama guddaa qabu. Hojimaatni isaanii kunis ogummaa dhoksaa amantaa Islaamaa ta’eedha jedhamee fudhatama
Gochaan kun manneen barnootaa Islaamaa hedduu keessatti dhorkameera.
Poolisiin Peshaawar ibsa Kibxata baaseen, gareen addaa yakka kana qoratu hundeeffamuufi ”namni amantaa sobaan jireenya dubartoota miskiinatti tapahatuu fi waadaa sobaa dhiira deessu jedhuun mismaara sammuutti rukutu seera duratti akka dhiyaatu,” dubbatan.
Poolisiin hojjettoota hospitaalichaa erga dubbisanii booda ishiin achi buutee nama amantaa kanaa akeekuu dandeessi ilaalcha jedhuun dubartii erga mismaarri sammuu ishee keessaa bahee booda hospitaalichaa baate barbaadaa jira.
Hoogganaan Poolisii Peshaawar Abbaas Ahsaan dhiyootti nama kana ni to’annaa jedhan.
Hojjettootni fayyaa hospitaala isheen keessatti waldhaanamtee dhimmicha yeroo beekan maaliif akka hin gabaasne ni qorannas jedhaniiru.