
NATO’n Raashiyaa dhaabsisuuf gara Yukreen seenu yaada akka hin qabne ibsite.
Barreessaan olaana NATO Jeens Saltonberg Raashiyaa dhaabsisuuf lafarraanis ta’e qilleensa irraan gara Yukreen seenu yaada akka hin qabne dubbataniiru.
Saltonberg ” Itti gaafatamummaan NATO walitti bu’iinsi too’annoon ala akka hin taane, akka hin babal’anne ykn Awuroppaatti biyyoota NATO waliin gara lolaatti akka hin jijjiiramne mirkaneessuudha” jechuu dubbachuu isaani “Keeyev independent” barreesseera.
Waraana waliin walqabatee NATO’n qilleensa Yukreen balalliif banaa godhuu danda’a ka jedhames akka hin danda’amne himameera.
Gama birootiin ministeerri raayya ittisa biyyaa Raashiyaa guyyaa kaleessa naannawa qilleensaa Yukreen guutumatti too’anna jala galchuu isaa beeksiseera.