Oduu Gammachiisaa! Barattoonni Mana barnoota bultii addaa 101 ol qabxii 600 ol fidan!

Barattoonni MB Bultii Addaa WMO akkuma aadaa isaanii baranas seenaa addaa hojjatani jiru.

Qabxii seensaa yuunivarsitii bara 2013 barattoota qoraman 177 keessaa barattoonni 101 qabxiin barana 600 waan ilaallamuuf 500 ol kan fidan yoo tahu kunis dhiira 70 fi dubara 31 qabxii olaanaa fiduun baranas nu boonsanii jiru.

Kanneen hafanis barattoonni 67 jechuunis dhiira 39 fi dubarri 28 barattoota 450-499 gidduu kan fidanii dha.

Barattoonni 450 gad fidan barattootaa dhiira 3fi dubara 6 walitti 9 qofa yoo tahu qabxiin barana argame baayyee kan nama gammachisuu dha.

AbbaaDuulaaGammadaa mana barnootaa Bultii Addaa kana ijaaruudhaan dhaloota qaruu isaaniif galata guddaa galchinaaf.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *