Osoo hin uumamiin hafuu Kalee Daa’immanii! (Renal agenesis in childrens) Namni kalee malee dhalachuu ni danda’aa?

Namni kalee lama qaba. Lamaanuu wal gargaaranii dalagu. Daa’imman keessatti Kaleen osoo hin uumamiin hafuu danda’a. Dhiira keessatti baay’inaan mul’atus durba keessattis ni jira. Innis Kan gama tokkoo qofa yk immoo lameen isaayyuu osoo hin uumamiin hafu danda’u. Kan gama tokkoo daa’imoota 450-1000 keessaa daa’ima tokko keessattidha. Kan lameenuu daa’ima 3000 keessaa daa’ima tokko irrattidha. Lameenuu osoo hin uumamiin hafe akkuma dhalataniin du’u. Innis guutuu tahee uumamuu sombaan(pulmonary hypoplasia) wal qabata. (Potter syndrome). Gama tokkoon osoo hin uumamiin kan hafe gamni biraa nagaadha. Inni nagaan kunis hojii isaa ni dalaga garuu dalagaan waan itti baayyatuu of ijaaruun of qopheessa. Yoo akka umuriin deemeen miidhamuu baataniif daa’imni kun akka nama tokkootti guddatu.

Haati tokko yeroo ulfaa kan bishaan gadameessaa hir’ateera tahe carraan akkasii ni jira waan taheef hordoffii fi akka dhalataniin qoratamuu qabu. Kana jechuun kan bishaan gadameessa keessaa hir’ate qabu hundi kaleen hin uumamiin hafe jechuu miti.
Daa’imni tokko kalee tokko qofa qabaatee uumame of eeggannoo fi ispoortii ulfaatu irratti hirmaachuun miidhaa qabaachuu mala. Kunis yoo jalaa kufe carraan itti aanuu baqaqsanii bakka buufachuu danda’ame qofa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *