Qodaan abaaboo durii kutaa nyaata itti bilcheefatan keessa ture doolaara Mil. 78tti gurgurame

Chaayinaatti qodaan/qodaan abaaboo keessa kaawwatan jaarraa 18ffaa keessa kan turedha jedhame doolaara miiliyoona 78tti gurguramuun himame.

Meeshaan daraan keessa kaa’amu kuni addaafi kan paawundii dhibba muraasaan bitamuun kutaa nyaanni itti bilchaatu keessa kaa’amee ture jedhame.

Meeshaan kun dheerina seentii-meetra 60 fi haalluun isaa ammoo cuquliisa ta’ee bica xuwwee fakkaatu yoo ta’u, biyya Chaayinaatti kan sirna Mootii Kiiyaanloongiitti hojjatamedha.

Xuwween kun fakkii simbirroroo halkaniifi haalluu warqee fakkaatuun kan bareechamedha.

Meeshaan abaaboo keessa kaawwamu kun oggeessi wallaansa baqaqsanii yaaluu tokko bituun ilmasaatiif akka kennaatti kan dabarseefidha jedhameera.

Meeshaan ambaa durii kun yoo baayyate hanga paawundii 100 ykn 150 ni baasa jedhamee tilmaamamee ture.

Haata’u malee, oggeessoonni ambaa caalbaasicha irratti argaman, erga seenaa xuwwee kanaa qorachuun bira gahanii booda gatiin isaa kan yaadameen ol ta’e.

Caalbaasii karaa bilbilaatiin xuwwee kana bitachuun taasifameen, namni tokko Yuuroo miilyoona 1.5 ykn doolaara miliyoona 78 bitateera.

Dhaabbanni caalbaasicha gaggeessees namnni bituuf yaadan hedduun Chaayina, Ameerikaafi UK irraa hirmaatanii turan jedhe.

Fakkiiwwan simbirroota xuwwee sanarratti kaafamanis kan umurii dheeraafi badhaadhina agarsiisan jedhameera.

Kana malees, meeshaa ambaa kanarratti mallattooleen bulchiinsa Maatoo Kiiyaanloong kan bara 1736-1795 turees qabaachun himameera.

Dhaabbanni caalbaasicha gaggeessees meeshaan abaaboon keessa kaawwamu akkanaa bara sana keessa jiraachuun i

saa dinqiidha jedheera. Bara sana boodas meeshaan wal fakkaatu hojjatamusaatiin ragaan akka hinjirree himeera.

Abbaan qabeenyaa xuwwee kanaas gatii hanga kanaa ni baasa jedhee akka hin yaadiin dubbateera.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *