
Namootni attamiin quunnamtii saalaatiin gammachuu akka itti argatan barsiisuun akka quunnamtii saalaa nagaa qabeessi jajabaatu qorattoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) himan.
Tooftaa kanatti gargaramuunis waa’ee balaa quunnamtiin saalaa of eeggannoo malee qabaatu barsiisuu caalaa kondomiitti gargaaramuu akka fooyyeessu qorannoon kun adda baaseera.
Akka qorattoonni kunneen jedhaniitti gammachuun sodaa caalaa kaka’umsa fayya-qabeessaadha
Saalqunnamtiin saalaa balaaf kan nama hin saaxilleefi gammachisaa gochuun ni danda’a jedhan ogeeeyyii pirojetkii kana qorannoo keessaa tokko kan ta’an.
Waggaa waggaatti addunyaa kanarratti dhimmoota fayyaa walhormaataa, saalqunnamtii fi tajaajilawwan sirrii irratti doollaarri biiliyoonaan lakkaa’amu baasii taasifama.
Haata’u malee, amma yoonaatti sagantaawwan hedduun dhimma kanarratti hojjatan sababiiwwan ijoon namoonni baayyeen saalqunnamtii kan raawwatan miira gammachuu argachuuf ta’u hin himan.
Ogeettiin fayyaa hawaasaa, Annii Fiilpot Sagantaa ‘The Pleasure Project’ jedhamu, kan garee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin hojjatu bara 2004 hundeessites.
Sababiin saganticha itti hundeessite ammoo aarii ’’walgahiiwwan dhimma AIDS irratti waliitti fufiinsan ta’amanirratti namni maaliif saalqunnamtii saalaa akkaraawwatamu dubbatu dhaabamu irraa ka’uun’’ ture.
Isheen akka jettutti, ”Quunnamtii saalaa raawwachuudhaaf gammachuun sababa guddaa namni kakaasuudha. Garuu ammoo dhimmi kun barnoota quunnamtii saalaa ykn jidduugalmaata fayya-walhormaataa keessatti hin hammatamne.
”Osoo namoota baayyeedhaan, ‘barnootii quunnamtii saalaa keessan walitti dhufeenyaa fi jireenya quunnamtii saalaa keessan isin hubachiiseera? jechuun gaaffattanii, lakkii jechun isniif deebiisu.
Annii Fiilpot; ’’saalqunnamtiin balaaf kan nama hin saaxilleefi gammachiisaa ta’uu ni danda’a. Dhimmisaa waa’ee isaarratti marii ifaa qabaachuufi namootaaf ofitti amanummaa kennuudha,’’ jette.
Sadarkaa idil-addunyaatti guyyaa guyyaatti namoonni miliyoonaa lakkaa’aman dhibeewwan saalqunnamtii saalaatiin dadarbuun qabamu. Isaan keessaayis irra caalaan isaanii mallattoolee dhukkubbii kan hin agarsiifnedha.
Yeroo saalqunnamtii saalaatti koondomiitti gargaaramuun dhibeewwan kanneen namarraa ittisuun alatti ulfa hin barbaachisnelleen ni dhorka.
‘‘Kondomiin akka meeshaalee gammachuu akkasumas miiraa kakaasuu fi nageenya akka mirkaneessuutti bitamuufi gurguramuu qaba,’’ jetti Annii Fiilpot.

Qorattoonnis fakkeenyawwan sagantaan saalqunnamtii nagaa qabeessaa dhiheenyaa barbaachaa fi jijjirama amalaa irratti dhiibaa qabaatan safaruuf barreeffamoota wallaansaa gagaragalchaniiru.
Isaanis pirojektoota 33 ergaa gammachuu quunamtii saalaa of eeggaanoo qabu waliin jajabeessan arganiiru. Isaan kunneenis barnoota infekshiniiwwan karaa quunnamtii saalaa dadarbaniifi balaa kennuurra kan faayidaa kondomii irratti caalaa kan mirkaa’aniidha.
Waa’ee gammachuu, fedhiifi bohaartii waliigaltee waliin aargamuu, fayyaa qabaachuufi nageenyaa barsiisuun kaayyoo sagantaa barnoota quunnamtii saalaa gamamchu-bu’uura taasifateeti.
Barruu qorannoo ‘Plos One’ jedhamurratti maxxanfame kana gargaaruun kan barreessan ogeettiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Liyan Gonsalves; ’Xinxalli kunis ergaa salphaa dabarsa.
Innis sagantaaleen gammachuu argachuu dabalatee, sababiiwwan namoonni saalqunnamtii raawwataniif haala gaariin calaqisiisan bu’aalee fayyaa fooyya’aa argamsiisu,’’ jedhaniiru.