
Moskoon namoonni nagaa magaalawwan haleelamaa jiran keessa jiraatan akka bahaniif dhukaasa dhaabuu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasan.
Gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuun kuni yeroo sadaffaaf kan raawwate yoo tahu, warreen kanaan duraa hin milkoofne jetti Raashiyaan.
Guyyaa kaleessaa qondaaloti Yukreen namoota 5000 ol magaalaa Saamii irraa baasuu himuun, namoota jumlaan yoo baasan kuni kan jalqabaati jedhan.
Haa tahu malee yaaliin wal-fakkaataa warreen magaalaa Cheernihiiv jiraniif taasifamus, Raashiyaan daandii itti bahamu haleeluu dhaabuu didde jette Yukreen.
👉👉https://b