Rakkoo qaala’iinsa Zeeytii, Abbaan liitiraa 5, 600 irraa amma 1000 ol ta’e.

Dubbiin Zeeytii gaafa oomishaa fi Raabsi isaatis Abbootii qabeenyaa biyya saamanii maallaqa walitti qabatan harkatti kufe badde. Abbootin qabeenyaa lamaan BalaayneeKindee fi WarquuAytenaah jedhaman oomishaa fi daldala Zeeytii fi Saliixaa biyyattii guutumatti dhuunfatanii harka isaanitti galfataniiru. Wanti nama ajaa’ibu immoo Baankiin Biyyoolessaa liqaa isaan qofaaf eeyyamee maallaqa guddaa akka liqeeffachuun hojjatan godhe.

Abbootin qabeenyaa warra Kaabaa kunneen oomisha Zeeytii akka biyyarraa dhabamu gochuun uummanni biyyattii rakkoo hamaa keessatti kufeera. Abbootin qabeenyaa raabsaa fi oomisha zeeytii dhuunfatan kunneen beekaa gatiin akka dabalu irratti hojjachaa jiru jedhamaa jira. Gatiin dabalee bu’aa olaanaa argachaa jiru. Uummanni rakkoo qaala’iinsaa kanaan rakkoo hamaaf saaxilamee furmaata dhabee dararamaa jira.

Related Posts

2 thoughts on “Rakkoo qaala’iinsa Zeeytii, Abbaan liitiraa 5, 600 irraa amma 1000 ol ta’e.

  1. Biyyi kun yoomiyyuu amma olaantumaa saba tokkoorraa bilisa baateefi warra abbaa garaa warra gubboo bare irraa bilisa baatutti kan zayitii nyaataa dhiisii lubbuun jiraachuuf waan qarshii kaffalu natti fakaatta.eenyuun gaafatta eenyutti iyyattaa.yoo gaaffii gaafattehoo ergama qabda siin jedhuhoo waaqayyo saba keenyaaf haa birmatu malee!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *