Saayikiliin Olompikiif dorgomuu irraa saayikiliin gara saamicha baankiitti dargaggoo ce’e

Toom Justiis dhalataa Chikaagoo, Libertiiviilidha. Namni kun abjuu atleetii saayikilii olompikii ta’uu isaa dhiisee, saayikiliin baankii saamedha.

Ijoollummaatti Toom, umurii ganna 13 irraa eegalee saayikilii akka gaariitti oofa ture.

Yeroo sanarraa eegalee, Toom jireenya isaa saayikilii oofuutti kennee, sababa dandeettiin isaa gaarii ta’eef kolleejii irraa yeroo eebbifamu, gartuu olompikii US waliin shaakaluu eegale.

Fiilmii

Ta’us garuu fedhii guddaa hin qabu, waggootii ja’aaf turtii inni koolleejii keessatti dabarse jalala inni fiilmii irraa qabu waliin walitti bu’e.

Kesssumaayyuu filmii bara 1994 Reality Bites jedhamu kan seenaa nama hawaasa irraa komii qabuu fi hojii tokkorra tokkotti darbuu himu jaallata ture. “Irra daddeebiin ilaaluunkoo, ilaalchakoo geeddare jedheen yaada,” jedha Toom.

Tasa, atleetii Olompikii ta’uun hojii bayyee ta’ee itti mul’atee, isa dhiisee Chikaagootti deebi’e. Jireenyi akka Toom yaade hin taane. Milkaa’inaa fi waan kaka’umsa qabu fedhe. Garuu jireenya suuta galma ga’uuf hojjechuun argamu hin feene.

Kanarra abjuu haaraa horate, fiilmiin biraa ammoo si’eessaa ta’efi.

Fiilmii waa’ee samichaan baay’ee ilaaluun booda, Toom diraamaa TV irratti ilaalu gara yakka dhugaatti geeddare.

Saamicha baankii jalqabaa

Baankii jalqabaa isaa kan saame Onkololeessa 23, bara 1998, yoo ta’u saayikilii isaa saffisaan ofee miliqe.

Waggaa tokko booda baankii kan biraa saame, achiis kan biraa, achiis kan biraa – yeroo hunda meeshaa waraanaa malee saama ture.

Saamicha kan gaggeesse isa ta’uu mala jechuun , Toom maallaqa saame bakka kosiitti gate ykn ammoo waraqaan maree naannoolee warri hiyyeeyyii keessa jiraatan kaa’e.

Qorannoo FBI

Akka filmiitti jiraachuun rakkoo fi miidhaa ofii isaa qabatee dhufa.

Utuu Toom hin beekiin, FBI yakka saamichaa baankii hin furamne jidduu hidhata jiru walitti qabsiisu eegalani. Maqaa masoo “The Choirboy” jedhu kennaniifi.

Yeroo kaka’umsaa dhugaa malee, akka maatii isaa qaaneessaa jiru yemmuu hubate, addunyaan Toom jijjiguu eegale.

“Toom miidha akkamii akka geessisaa jiru hin yaadne, sodaa hojjettoonni baankii keessa seenaan ykn bu’aa yakka isaa hin hubanne.

Qoricha sammuu hadoochu

Tom Jastiis sigaaraa qabatee fuuldura Chikaagoo Iskaayilaayin yoo dhaabatu

Gammachuu inni yeroo tokkottii yakka dhoksaan raawwatuu badaa dhufa ammas deebi’ee kaayyoo dhabe. Yeroo sana qoricha sammuu hadoochu, kookeenii fayyadamuu eegale.

Sinsinniin kookeeniis yemmuu badaa deemu, gara qoricha sammuu hadoochu hammaataa biraa kiraak jedhamutti darbe. Utuu hin turiin maallaqa saamicha isaa irra argatu qoricha sammuu hadoochu bitaachuu irratti baasuu eegale.

Carraan dhumuu

Bitootessa 2002, saamicha isaa 26ffaa irratti, carroomuun Toom jalaa dhumuu eegale.

Yeroo saayikilii isaa oofu poolisiin dhaabsifame, akka korojoo isaa banuuf yemmuu gaafatamu, Toom saayikilii isaan dheessuu eegale.

Poolisiin yemmuu isa ari’uu eegalu, saaylikii isaa gama tokkotti darbatee, ofii utaalee laga seenuun daakee ce’e bosona xiqqaa keessa dhokate.

Saa’aatii ja’a ta’uuf achuma dhokatee turuun, yeroof miliqee bilisa ta’e. Garuu amma poolisiin saaykilii isaa waan qabateef, Toom utuu hin turiin poolisiin akka balbalaa isaa rukutu hubate.

Yeroo laffarra ciibsame, haarkisaa duubatti hidhamu qofa ture Toom dhugaan jireenya isaa kan galeef.

Toom qorannoof gara buufata poolisii geeffame, yakka isaa hunda amane. Ta’us wanti itti cime bilbilee maatii isaatti hamiin jiru dhugaa akka ta’e, saamichaan himatame akka to’annoo jala oole itti himuu ture.

“Kan hawaasatti ba’u isaan ta’uun isaani qaanii guddaa ture. Kan fuula maatii fi hirriyyootaatti ba’u isaanidha. Waa jedhanis jechuu baatanis, ilmi keessan wantoota hamaa kana hunda godhe ilaalcha jedhu qabu.

“Kanaaf ammo baayyeen qaana’e. Hanqa har’aatti qaaniin kun natti dhaga’ama.”

Murtee hidhaa

Ameerikaa keessatti baankilee 26 saamuu isaan Tom hidhaa waggootii 11’n adabame. Samicha waggooti afur keessatti gaggeesse kanaan, maallaqa doolaari 129,338 saame.

Bara 2011’tti yemmuu hidhaati ba’u, Toom jaallallee isaa Baarii waliin walitti deebi’ani.

Amma hojjetaa kunuunsa manguddootaa ta’e kan hojjetu Tom, manni hidhaa jireenya isaa akka geeddare hima.

“Mana hidhaa keessattin guddadhe… Kanaaf ni hojjeta. Hojjeteera. Kanaaf ammoo nan gammada.”

Ji’oota muraasa booda, Toom utuu mana maatii isaa keessaa ba’ee oofaa jiru, poolisiin dhaabsifame to’annoo jala oole.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *