SAAYINSII FAYYAA FI AADAA OROMOO WAA’EE HAADHA DEESSEE

0romoon aadaa bal’aa qaba. Kanneen keessaa mee aadaa da’uumsaan walqabatee waanan beeku saayinsii fayyaa ammayyaa waliin wal simsiiseen isinii dhiyeessuu yaala.

Haati oromoo takka deessee hanga ilaansummaa baatutti wantoota armaan gadii kanneen ni lagatti.Tarii oromoo hunda biratti hin beekamu, na oofkalchaa.

  1. Du’a namaa hin deemtu, gabaa hin dhaqxu, ganda irra hin joortu. Gabaabumatti, hanga ilaansummaa baatutti daa’ima ishee waliin mana turti jechuu dha.

Faayidaa Isaa

  • Hidhata (jaalala) haadha fi daa’ima gidduu jiru cimsa.
  • Harma gahaa hoosifti. Kun immoo daa’imni haala gaariin akka guddatuu fi fayyaa guutuu akka qabaatu gargaara.
  • Carraan daa’ima nyaata yeroo malee jalqabsiisuu ni hir’ata.Nyaanni dabalataa ji’a jahaa booda jalqabuu qaba.
  • Carraan xuuxxoo hoosisuu ni xiqqaata ykn ni hafa.Kun immoo dhukkuboota sababa xuuxxoo hoosisuutiin dhufan ni dhabamsiisa.
  • Dhukkuboota daddarboo fuutee daa’imatti hin galtu haati.

2. Meeshaa Nama Biraa Waliin Hin Fayyadamtu. Fkn meeshaalee nyaataa, meeshaalee dhugaatii, uffataa fi kkf.

FAAYIDAA ISAAA

  • Dhukkuboota daddarboo ofii fi daa’ima ishee irraa hir’isti.
  • Carraan tuttuqaa nama biraa waliin qabdu ni xiqqaata.

3. Wal Qunnamtii Saalaa Hin Raawwattu; Safuu dha.

Faayidaa Isaa

  • Qaamni wal hormaataa ishee boqonnaa argata.
  • Ulfa walirraa siiqsuuf gargaara.
  • Carraan dhukkubni abbaa warraa irraa gara haadha warraatti, akkasumas gara daa’imaatti daddarbu ni hir’ata.

Saayinsii hin barroofnetu hawaasa keenya keessa jira. Qorannee baasnee wal haa barsiifnu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *