
Lakkoofsi dargaggoota sababa dhukkuba dugdaan gara dhaabbilee fayyaa deddeebi’anii yeroo gara yeroo heddummaataa jira. Keessaahuu biyyoota guddataa jiran keessatti rakkinichi ni hammaata. Sababni maali? Furmaatni hoo?
Hakiimni dhimma kanarratti dubbifne Dr Teediroos Waldagabri’eel, meedikaala direektaraa fi hogganaa kilinikoota ispeeshaalitii Paaragoon yoo ta’an, hanga PhDtti biyya Ameerikaatti Fiiziyooteeraappii, Yaala ispoortii fi Ortopeediiksii baratan.
Ameerikaa keessatti waggoota 10 oliif erga hojjetanii booda gara biyyaa deebi’anii waggoota 12 darban biyya keessatti hojjetaa jiru.
Yuunivarsiitii Finfinnee mana barnoota fayyaa Xiqur-Anbassaa keessatti gargaaraa pirofeesaraa Fiiziyooteeraappiiti.
Dhukkubni Dugdaa maali?
Dhukkubni dugdaa salphumatti maashaalee, lafeewwan, sirna narvii fi qaamolee naannoo dugdaa jiranirra miidhaa gahudha.
Miidhaan kun kan yeroo ykn ammoo dhaabbii ta’uu mala.
Sababoonni dhukkuba dugdaa garaa gara ta’anis, kanneen ijoon:
- Mucucaachuu ykn miidhamuu diiskii
- Lafeewwan dugdaa walirra ooluu (facet joints)
- Sa’aatii dheeraa dhaabbachuu ykn taa’uurraa kan ka’e miidhaa narviirra gahu
- Sirni qaamaa dhukkuba lolu jeeqamuun dhukkuba dugdaa dhufu
Kan dhumaarraa haa eegallu;
Sirni qaamaa dhukkuba lolu jeeqamuun dhukkubni dugdaa dhufu, qaamni namaa adeemsa dhukkuba loluu/ittisuu keessatti qaamolee kaan waan miidhuuf dhukkuba uumamuudha.
Ankylosing spondylitis kan jedhamu dhukkubni kun madaa qaama keessaa uumuun yeroo dheeraaf turuu danda’a.
Lafeen dugugguruu dugdaa fi walqabsiiftuuwwan lafee akka madaa’an gochuun, namni akka olii fi gadi akkasumas bitaa fi mirgatti hin jenne dhoogga.
Lafeewwan kunneen walitti qabatanii akka hin sochoones godha.
Sababootni kaan dhukkuba dugdaaf nu saaxiluu malan:
Waan ulfaataa kaasuu: Dhukkubni dugdaa wanta nama kamuu jiruu guyyuu keessatti mudachuu danda’udha. Wanta humna keenyaa ol ulfaatu kamuu lafaa kaasuun dhukkuba dugdaaf nama saaxiluu mala.
Ulfaatina qaamaa gar-malee: Keessahuu furdinni tasa namatti dhufu dhukkuba dugdaa fiduu danda’a.
Yeroo dheeraaf taa’anii, dhabbatanii ykn gadi jedhanii hojjechuu: Namoota hojii sochii qaamaa hin qabne hojjetan irratti yeroo weerara Koovid dhukkubni akkanaa hammaatee ture jedhu Dr Teediroos.
Hojiin dhaabbatanii mataan gadi jedhanii hojjetan dhukkuba dugdaa hamaa namtti fiduu mala. Fakkeenyaaf hakimoonni baqaqsanii wal’aanan kanaaf saaxilamoodha.
Maashinaroota ijaarsaa nama raasan konkolaachisuu፡ Maashinaroota ijaarsaa nama hurgufan ykn ammoo karaa mijataa hin taanerra yeroo dheeraaf konkolaataan imaluun dhukkuba dugdaaf nama saaxila.
Sosochii utaalchoo fi fiigichaa፡ Namoonni furdinni qaamaa isaanii guddaa ta’e sosochiiwwan akka utaalchoo ykn fiigichaa yoo yaalan dugdi isaanii miidhamuu danda’a.
Namoonni lafa jabaataa akka daandii asfaaltiirra fiigan wayita miilli isaanii lafarra ejjetu laftis ol waan dhiibduuf (Newton 3rd Law) dugdi isaanii miidhamuu mala.
Kanatti dabalataan namoonni lafa wal qixxaataa hin taanerra fiigan miilli isaanii gaafa lafa qubatu madaalliin qaamaa isaanii waan wal gatuuf dugdi isaanii miidhamuu mala.
Aluma tokkoon sochii qaamaa ulfaataa gochuu: Dargaggoota hedduu biratti sochiin ispoortii baratamaa dhufullee hedduun isaanii gosa ispoortii kam, maaliif akka hojjetan hubannoo hin qaban.
Osoo qaama hin shaakalchiisiin sochii ispoortii ulfaataa gochuun dugdi isaanii miidhamee yaalaaf isaan bira kan dhufan dargaggoonni hedduun jiraachuu himu Dr Teediroos.
Leenjistoonni ispoortii maallaqa xixiqqoo maamiloota isaanii irraa argatan baranii – jijjiirama qaamaa maamilli isaanii yeroo gabaabaa keessatti akka fidu qofarratti xiyyeeffatu jedhu.
Dabalataan waa’ee fayyaa hubannoo gahaa qabaachuu dhiisuu malus jedhu.
Sigigaachuu diiskii
Namoonni 100 yaalaa sigigaachuu diiskii barbaacha gara kilinika isaanii dhufan keessaa walakkaan rakkoon isaanii waan biriiti jedhu Dr Teediroos.
Namoota 10 akkanumaan karaa irraa yaamtee osoo qorannoo MRI gooteefii 7 irratti sigiga diiskii arguu malta jedhu. Kana jechuun garuu dhukkubicha qabu jechuu miti jedhu.
“Sigigaachuun diiskii mul’ateera jechuun, diiskiin bakkaa socho’eera garuu garuu narviirra ciisee sadarkaa dhukkubaarra gaheera jechuu miti” jedhan.
Qorannoo jalqabaa qofaan namoota gara wal’aansa baqaqsanii wal’anuu hakimoonni ergan jiraachuu eeranii, kun garuu dogoggora jedhu.
Ofii diiskiin kun maali? Eessa jira?

Diiskiin lafeewwan dugugguruu dugdaa jidduutti kan argamu dhangala’aa lallaafaa kan qabuu fi akka ‘shock absorber’ kan tajaajiludha.
Qaama keenyarratti dhiibbaan yoo hedduummaatu, dhangala’aan achi keessa jiru ni baha ykn ammoo diiskiin matuma isaatiin gara tokkootti sigigaata.
Sigigaatee yoo bahu sirna narvii sammuu irraa gara qaamolee kaanii deemurra ciisuun dhiibbaa irratti uuma.
Waayita diiskiin sigigaatu wal’aansa baqaqsanii hodhuutti ariifachuun dura, kallatii kamiin sigigaate?, narvii kam miidhaa jira? fi gaaffilee ijoo biroo gaafachuun murteessaa ta’uu himu Dr Teediroos.
Sababni dargaggoota addatti dhukkuba dugdaaf saaxilu jiraa?
Dargaggooni hojii yeroo dheeraa dhaabbachuu ykn ta’uu barbaadu hojjetu ykn ammoo hojii waa baachuu gaafatu hojjechuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu dabala jedhu.
Dabalataan hireen ispoortii hojjechuu babal’achuun isaas sababa birooti jedhu.
Faallaa kanaatiin sochii ispoortii gochuu dhabuunis dhukkuba dugdaaf nama saaxiluu akka danda’u himu.
Akkaataan saal-qunnamtii (Sex Position) dhukkuba dugdaaf nama saaxilaa?
Saal-qunnamtiin saayinsiidhaan akka sababoota dhukkuba dugdaa keessaa tokko ta’eetti hin beekamu jedhu Dr Teediroos.
Haata’u malee namoonni dhukkuba dugdaa qaban akkaataan saal-qunnamtii itti godhan dhukkuba itti hammeessuu danda’a ykn ammoo kan dhukkubsatanii wayyaawanitti dhukkuba kaasuu mala jedhu.
Akkatuma dhukkuba isaaniitiin akka itti saal-qunnamtii raawwatan akka jijjiiran ykn ammoo akka hin raawwanne gorfamuu malu jedhu.
Dhukkuba dugdaa akkamiin adda baasuun danda’ama?
Akkuma dhukkuba kaanii mallattoolee salphaa fi ulfaataa ta’an qaba.
Gubaa fi miira nama nyaachuu, gadi jedhanii ol jechuu dadhabuu, ol ka’uuf deeggarsa barbaaduu, maashaan suntuuruu, bakka ciisanitti garagaluu dadhabuu fi mallattooleen biroos jiru.
Mallattooleen mul’atan akkaatuma ka’uumsa dhukkubichaa adda adda ta’uu malu.
Fakkeenyaaf dhukkubni sababa yeroo dheeraa dhaabbachuu ykn taa’uun dhufu, teenyee turree yoo kaanu qaamni qabamuu, yoo teenyu ykn dhaabbannu miirri dhukkubaa nutti dhagaahamuu, miira dhukkubaa, waraansaa fi tasa nama butuu naannoo teessumaa namatti dhagaahamu qabaata.
Miila ofii ajajachuu ykn ammoo quba ol qabuu dadhabuun dhukkubichi sadarkaa hammaataarra gahuu agarsiisa.
Dhukkuba kana dandamachuuf mana keessa maal gochuu dandeenya?
Naannawa keenya manni yaalaa hin jiru yoo ta’e, yeroof qoricha dhukkuba namatti wayyeessu (pain killers) fudhachuun ni danda’ama. Kun garuu qorichoota kaan fudhataa hin jirru yoo ta’e ykn ammoo qoricha fudhannu waliin walitti hin bu’u yoo ta’edha.
Dhukkubichi balaa tasaan kan nutti dhagaahame yoo ta’e yaala fayyaa argachuun barbaachisaadha.
Suntuuruu maashaaleef ho’i faayidaa qabaachuu akkasumas boqonnaan barbaachisaa ta’uu himu Dr Teediroos.
Kanaan yoo nutti wayyaa’uu dide gara ogeessa fayyaa sirnaawaa dhaquu gorsu. Yaala aadaa ykn ammoo sosochiin ispoortii ittuu dhukkuba hammeessuu danda’a.
Dugda keenya qabattoo ykn sabbataan yoo hidhanne hoo?
Dhukkubni dugdaa baatilee sadii ol kan lakkoofsise taanaan hammaataa ta’uu himu Dr Teediroos.
Tibba dhukkubichi jalqabe, boqonnaa gochuu dabalatee qabattoon ykn sabbataan hidhachuun bu’aa qabaachuu himu.
Kun yeroo dheeraaf kan godhamu yoo ta’e garuu mataa isaatiin rakkoo fiduu mala jedhu.
Maashaaleen bakka qabattoon ykn sabbataan hidhamee boqonnaa akka bahanitti lakkaa’ama. Kunis huuqqachuu maashaalee fiduu mala.
Maashaan kun deeggarsa qabattoo ykn sabbataa baree ofii isaatiin hojjechuu dadhabuu mala, kunis namootni qabattoo fi sabbata irratti hirkatoo akka ta’an godha jedhu.
Ogeeyyii Itoophiyaa hedduu biratti hirkoo mormaa (collar) ykn qabattoo dugda deeggaru ajajuun baratamaa dhufeera kan jedhan ogeessi kun, kun waan gorfamu miti jedhu.
Kophee akkamii hidhachuu qabna?
Kopheen fayyaa dugdaaf murteessaadha. Keessaahuu dubartootaaf.
Qaamni namaa sirna ittiin madaala isaa eeggatu (center of gravity) qaba.
Kophee koomee dheeraa qaban yoo hidhannu madaalliin qaamaa ni jeeqama. Qaamni keenya madaallii isaa eegachuuf yaalii godhuun dugdi miidhamuu akka malu himu.
Jilbi fi qunnamsiiftuuwwan miilaas miidhamuu danda’u.

Miila duwwaa ykn kophee koomee hin qabne kaawwachuun miidhaa qabaachuu baatus namoota kophee koomee qabu baraniif miila duuwwaa deemuu heddummeessuun (Bone spur) ykn biqiluu lafee itti fiduu danda’a jedhu.
Firaashii fi boraatii akkamiirra haa ciisnu?
Firaashii gogaarra ciisuu hin gorsan Dr Teediroos. Namni firaashii boca qaama isaa eegee isa boqochiisurra ciisuu qaba jedhu.
Qullaa daawwitii fuulduratti osoo if ilaallee, qaamni keenya boca (curves) ofii isaa qaba. Gaafa rafnu boci kun akkuma jirutti firaachiirra gahuu qaba jedhu.
Namoonni firaashii yoo bitan irra ciisanii ilaalanii akka bitatan gorsu.
Boraatiifis akkasuma. Boraatiin ulaa mataa fi morma keenya jala jiru guutuu qaba jedhu.
Akkaataan jireenya keenyaa maal ta’uu qaba?
Ulfatina qaama keenyaa to’achuun barbaachisaadha. Kun dhukkuba dugdaa qofa osoo hin taane kaan irraas nu eega.
Haguma ulfaatinni qaama keenyaa kiloo tokkoon dabalu dhiibbaan jilba keenyarra gahu kiiloo afuriin dabala jedhu Dr Teediroos.
Sochii ispoortii qaama keenya madaaluu fi suuta qaama barsiisaa hojjechuun bu’aa qabaachuu himu. Bishaan daakuu fi torbeetti guyyaa sadi ykn afur hanga daqiiqaa 45 miilaan deemuus gorsu.
Haala hojii mijeeffachuu, kophee mijataa hidhachuu, namootni sa’aatii dheeraa dhaabbatan miila tokko waayirra kaawwatanii dhaabbachuun bu’a akka qabu himu.
Kanaan ala sababoota dhukkuba dugdaa fidan kamirraayyuu of eeguun barbaachisaa ta’uu himu.