Sarooti dutanii namoota hirriibaa dammaqsuun ibiddarraa oolchan

Namtichi maqaansaa Stephen Clover jedhamu kun, wayita isaan manasaanii Lincolnshire, Ingilaanditti argamutti rafaa turan, halkan keessaa sa’aa 8 keessa abiddi eegaluu hime.

Akka inni jedhutti abiddi qabeenyasaanii ”guutummaatti barbaddeessuus”, sagalee saree maqaan isaanii Bear fi Tigger jedhamuun lubbuun isaanii oolu hime.
Gosti saroota kanaas ‘German shepherds’ kan jedhamu wayita tahu, kennaa guddaatu isaan eeggata jedheera.

Tajaajilli Abiddaa fi Baraarsaa Lincolnshire akka jedhetti, hojjettoonni yeroo balaa buufata saddeetirraa ibidda kana dhaamsuuf garas dhaqan. Akkitti ibiddichi jalqabes, siliindariiwwan gaasii konkolaataa mana cinaa dhaabbaterraa tahuus himeera.

Aabba Kiloovar akka jedhetti wayita isaan hirriiba keessa turanitti ”sareen tokko haalaan fiigaa dhufeetu, sireerra koruun natti dutuu eegale,” jedha.
”Nama wayiitu mana keessa seene jedheen gaafan utaalee olka’ee foddaan ilaaluu, ibiddadha.”

Sareen isaan baraaruuf ol lixan ibiddaan mana keessaa akkatti bahan dhabuun danqamanii kan turan oggaa tahu, hojjettoonni yeroo balaa baraaruu danda’aniiru.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *