
Senaatarri US Lindseey Girhaam weerarri Raashiyaan Yukireen irratti bante kan xumuramu yoo ”namni kun dhabamsiifame” jedhan.
Senaatarri kun twiitara gubbaatti erga maxxansaniin namni naannawa pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin jiru akka isaan ajjeesu gaafatan.
Karaan weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte itti xumuramu takkittiin ”nama kana dhabsiisuudhaani” jedhan.
Senaatarri warra Rippaablikaanotaa kun pireezidantiin Raashiyaa ”Brutus” Putiiniin dhabamsiisee waraana kana xumuru hin jiruu jechuun gaafatan.
Yaadni isaanii kun US’tti ambaasaaddara Raashiyaa dheekkamsiiseera.
Girahaam kan uummata Kibba Kaarolaayinaa bakka yaada pireezidant Puutiiniin ajjeesuu yoo jajjabeessan ”kana gochuun biyya keessaniifi addunyaaf oolmaa ooltu jedhan.
”Brutus Raashiyaa keessa jiraa? waraana Raashiyaa keessa koloneelli milkaahaa Koloneel Istuufenberg caalu jiraa?”
Brutus nama siyaasaa Roomaa yeroo ta’u mootuu Roomaa Juliyees Seezaariin ajjeesuu isaatiin beekama. Koloneel Istuufenberg caala namni waraanaa milkaahaan Raashiyaa keessa jiraa jechuun yeroo gaafatan senaatarri US kun Koloneela waraana Jarman kan bara 1944 Adoolf Hitlariin ajjeesuuf yaale koloneel Klaawus Voon Istufenbergiin jechuu yaadachuu isaaniiti.
US’tti ambaasaaddarri Raashiyaa Anatoolii Antonoov yaada senaatara kanaa fudhatama kan hin qabneefi rifaasisaadha” jedhan.
”Sodaan Raashiyaa(Russophobia)fi jibbi Raashiyaa US keessa jiru hangaa oli” jedhan ambaasaaddarichi.
Senaatarri biyya tokko ilaalcha isaa shororkeessummaa galma Waashingitan sadaarkaa idila addunyaarratti qabatte galmaan gahuuf dhiyeesse kana dhagahuun amanuuf rakkisaadha jedhan.
Pireezidantiin US Joo Baayidan weerara Raashiyaan raawwatte balaaleffachuun Putiin dabalatee namoota siyaasaa biyyattiirra qoqqobbii kaahaniiru. US miseensota Nato’f dhaabbachuu itti fufti jehcuun, waraana isaanii garuu gara Yukireen akka hin ergine jala muraniiru.
Haasaan Senaatara kanaa garuu dubbii himaa masaraa mootummaa Raashiyaas dubbachiiseera.
Dimeetrii Peskoov ”ammaan tana namni hunduu qalbii isaa eeggachaa jira hin jedhamu” jedhanii, lammiileen Raashiyaa tokkummaa biyyaalessaa akka jabeeffatan dhaaman.