
Shamarran tokko tokko yeroo kolfan maaliif fincaa’u?
Eegaa shamarran tokko tokko yeroo sirriitti kolfan fincaan qqabachuu dadhabu ykn osoo of hin to’achuu hin danda’in fincaam fincaa’u. Kuni maaliif akkas ta’e laata? Rakkina maalitu akkas nama taasisa? Furmaanni isaa hoo maalidha? Yaalli isaa hoo jiraa?
Kuni gama Fayyaan stress urinary incontinence jedhama.
Kunis huutuun morma Afuuffee fincaanii isaanii yeroo laafu ykn dadhabu rakkoo dhufudha. Sababa kanaan shamarran yeroo kolfan, qufa’an ,haxxiffataniif kkf rakkoo isaan mudatudha.
Rakkoon kun saala lamaan kan mudatu yoo tahu hedduminaan shamarranirratti mul’ata. Waa’ee kanaa ibsa bal’aa yeroo biraa isiniif kenna nu hordofaa!