
Barattuu Siifan Fiixaa M/B Bultii Addaa Oromiyaa irraa qabxii seensa yuunvarsiitii bara kanaa irratti barnoota herregaan qabxii 100 galmeessuun seenaa addaa dubartootni Itoophiyaa keessatti galmeessanii hin beekan jedhamun amanamu hojjechuu manni barumsicha hime.
Siifan kutaa sagalii jalqabuun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa damee Adaamaatti barachaa turuun qabxii seensa yuunvarsiitii bara kanaas 600 keessaa 542 yoo barnootni Siivikii itti dabalamu ammoo 700 keessaa 639 galmeessuu BBCtti himte.
Qormaanni Siivikii bakka biraatii hatameera jedhamuun akka haqames himameera.
”Mana barumsaa Odaatti yeron barachaa ture qormaanni herregaa achitti qoramaa turree fi kan qormaata biyyaalessaa xinnoo wal gata. Isaaf cimsee qayyabachaa waanan tureef kun ammoo isarra salphatee dhufnaan qabxii herregaa kana galmeessuu danda’eera,” jette Siifan.
Siifan gosa barnootaa hundaaniyyuu wal madaalsistee akka qayyabattu himte. Barsiisonni keenya mooraama nuyi keessa jirru keessa waan jiraataniif gaaffii yoo qabaanne yeroo barbaannetti isaan gaafachuun hojjechaa turre. Kun milkaa’ina koof sababa taha.”
Siifan yuunivarsiitii seentee sooftiweer injineriingii barachuu akka barbaaddu BBCtti himte.
Barattuun kun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomman magaalaa Finca’aatti dhalachuun hanga kutaa shan geessutti achumatti baraachaa turte.
Kutaa shani hanga saddetii ammoo magaalaa Naqamteetti akka barachaa turte dubbatte. Sana booda akka naannoo Oromiyaatti barattootni qormaata biyyaalessaa kutaa saddeettafaa ol aanaa galmeessan wal dorgomuun kan galan mana Barumsaa Bultii Addaa WMO seente.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaas hunda isaa ”A” galmeessuun akka darbite BBCtti himte.
Barataa Kooket Tasfaayee ammoo mana barumsaama Odaa kana irraa qabxii 700 keessaa 643 akka fide hime. Kooket barnoota fiiziksii 100 fiduun dinqisiifatameera.
Fuulduratti Kooket adunyaa konistiraakshinii keessa galuu waanan barbaaduuf konistiraakshin injineringii barachuun barbaada jedhe.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaas gosa barnootaa hundaa ”A” fiduun akka darbe BBCtti hime.
Kooket tasfaayee dhalatee kan guddate magaalaa naqamteetti yoo tahu hanga kutaa saddet xumuruttis mana barumsaa Kaatolokiimagaalichaa Kidaane Mihiret jedhamutti barate.
Barataan biraa qabxii 644 galmeesiisee fi Mana barumsaa Bultii Addaa Odaa irraa tokkoffaa tahe barataa Abdii Baqqalaa Cawwaaqaa jedhama.
Barataan kun ‘Aero space enginering’ biyya alaatti osoo argatee barachuu akka barbaadu hime. Garuu barumsi kun sadarkaa digirii irratti biyya keessatti hin argamu.
Abdiin magaalaa mattuu mana barumsaa Fatansaa Iluutti jalqabee kutaa lama erga xumuree mana barumsaa mootummaa Qiddus Gabri’el jedhamutti hanga kutaa saddetii barate.
Kutaa sagalii jalqabee ammoo mana barumsaa Bultii Addaa Odaatti barate.
Godina bara kana goginsaan miidhamaa jirtu Booranaa aanaa yaa’a Bal’ootti dhalatee kan guddate Gaaddisaa Qancooraa Waldee mana barumsaa Odaa irraa 628 galmeessuu hime.
Gaaddisaan baadiyaa Yaa’a bal’oo irraa ka’uun qabxii kana galmeessuu isaaf gammachuu guddaa akka kenneef dubbate.
Dhalootni kiyya baadiyaadha. Horii tiksaan guddadhe. Namni qalbiidhaan yeroo itti kennee hojjetu ni milkaa’a.
An sa’a dheeraan dubbisa osoo hin taane isan dubbisu xiyyeeffannoo guddanin dubbisa. Mana kitaabaallee hin galu,” jedhe Gaaddisaan.
Icciitii Milkaa’ina isaanii
Barataa Abdii Baqqalaa dhiibbaa alaa hunda irraa bilisa taanee barnoota keenya irratti qofa xiyyeeffachuun keenya akka qabxii ol aanaa galmeessuuf na gargaareera jedhe.
Mana barumsaa keenyatti kan baratan hunduu warra qoramee darbe waan tahaniif dorgommiin isaa baay’ee cimaadha.
”Jabaatanii dubbisuu namni akka salphaatti ilaaluu danda’a. Ganamas tahu galgala hojiin keenya barumsa irra waan taheef cimsinee dubbisna. Kun ammoo dhiibbaa alaa irraas bilisa nu godha.”
Abdiin sa’a barumsaan ala erga boqonnaa fudhatee hanga halkan sa’a afur shan tahufaatti akka dubbisaa ture hima. Qormaata biyyaalessaa kanaaf garuu barnoota dafnee fixnee gara ji’a tokkoof guyyaa guutuu dubbisa turre jedhe.
Kitaaba barataa irratti hundaa’uun barumsi barsiisaan barsiisu akka sii salphisu godha. Garuu dhamaatii barataatu murteessa. Qormaatni biyyaalessaa kitaabuma barataa irraa waan bahuuf anis irra caalaa kitaabuma kanan dubbisa jedhe.
Yeroo kaanis kitaabota dabalataa akka dubbisu kan himu Abdiin qabxiin ol aanaan galmeesse Fiiziksii yoo tahu innis 98dha.
Barataa Kookeet tasfaayee ammoo yaadannoo gabaabduu mataa ofiin baafatanii qayyabachuun milkaa’inakoof sababa jedhe. Innis kitaaba barataa gidduugaleessa godhachuun qayyabachuun qabxii ol aanaa fiduuf ni gargaara jedhe.
Barnoota herregaan qabii 100 kan fidde Siifan ammoo hariiroon barsiisota keenya waliin qabnu milkaa’ina keenyaaf qooda ol aanaa qaba jette.
Mana barumsaa Bultii Addaa keessatti barsiisonnis achuma mooraa keessa jiraatu waan taheef yeroo barbaannetti deeggarsa nuuf gochaa turan jette.
Sa’a barnootaan boodas hanga halkan sa’a shan tahufaatti qayyabachaa akka turtu kan himtu Siifan yoo xiqqate guyyaatti sa’a jaha akka dubbistu himte.
Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaa icciitii milkaa’inaa tahe
Daarikterri Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa damee Adaamaa Obbo Abbabaa Zawudee manni barumsaa kun bara 2009 erga hojii egaalee barattootni isaanii akka biyyaatti qabxii ol aanaa galmeessaa turuu himan.
Bara kana barattootni 177 qormaata seensa yuunvarsiitii bara kanaaf taa’uu himuun barattootni qabxii 500 fi isaa ol fidan barattoota 101 tahuu himan. Isaan keessaa shamarran 32 tahuu himan Obbo Abbabaan.
Obbo Abbabaan barnoota herregaa irratti barattuu Siifan seenaa hojjechuu himanii ”kana dura namni akkuma biyyaatti 100 fiduuru waan jiru miti” jedhan.
Barnoota Fiiziksiin bara darbes barataan 100 galmeesseeru akka jiru himuun isa namni hedduun sodaatu herrega irratti Siifan seenaa haaraa hojjetteetti jedhan.
Milkaa’ina kanaaf barsiisonni mooraa sana keessa tahuun sa’a 18’f deeggarsa barattootni barbaadan kennaa turan jedhan. Hawwaasni mana barumsichaa hundi wal tumsuun akka biyyaatti qabxii guddaan akka galmaa’uuf hojjechaa turre jedhan.
Milkaa’ina kanaaf barsiisonni mooraa sana keessa tahuun sa’a 18’f deeggarsa barattootni barbaadan kennaa turan jedhan. Hawwaasni mana barumsichaa hundi wal tumsuun akka biyyaatti qabxii guddaan akka galmaa’uuf hojjechaa turre jedhan.
Bara darbes akka biyyatti barattootni 46 ol mana barumsaa Odaa irraa qabxii ol aanaa fiduun akka biyyaattis kan jalqabaa taanee turre jedhan. Bara kana lakkoofsa kana dachaan dabaluuf cimnee hojjennee milkoofneerra jedhan.
Barattootni mana barumsaa bultii addaa kanaa mooraa keessaati bahanii akka magaala hin olle kan himan Obbo Ababaan maatii harkaa waan fudhanneef akka ijoollee keenyaatti ilaalla jedhan.
”Duraan Dilbata Dilbata irra akka bashanananiif isaan baasna ture. Yeroo bahanis maatiin dhufeeti kan fudhatee bahu.
Barattootni kunneen yeroo koroonaavaayirasii keessa mooraatii bahuun hin danda’amu ture. Booda kana garuu darbanii darbanii bahu. Gaafa sana ammoo garee gareedhaan walitti hidhamaniiti kan bahan. Isas uffata danbii isaaniin bahu.”
Obbo Abbabaan manni barumsaa isaanii bara 2010 qormaata kenne irratti barattootni 10 qabxii ol aanaa galmeessun akka biyyaatti jalqaba irra akka ture himan.
Bara 2011 barattootni sadii, bara 2012 ammoo barattootni 46 qabxii 700 keessaa 600 fi isaa ol fiduu himan. Bara kana keessa barattootni 101 qabxii 600 keessaa 500 fi isaa ol fiduun isaanii akka biyyaatti jalqaba irra isa kaa’a jedhan.
Qormaatni seensa yuunvarsiitii bara kanaa sababa rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mudateen boodatti harkifamee kan kenname yoo tahu iddoowan tokko tokkotti ammoo osoo hin kennamiin turuun dhiyeenya ture kan qoraman.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa keessa tureen naannoon Tigiraay keessatti qomaatni biyyaalessaa osoo hin kennamiin hafe. Qabxiin seensa yuunvarsiitii bara kanaa hanga ammaatti osoo hin murtaa’iin jira.