
Tibbana Itoophiyaa keessatti gatiin zayitii nyaataa dabaluun akka malee odeeffamaa jira. Gatiin Zayitii nyaataa maaliif yeroo hedduu dabala kan jedhu hundaafuu gaaffiidha.
Maalumaafuu zayita malee nyaata hojjechuun ni danda’amaa gaaffii jedhuuf deebiisaa ogeeyyiirraa gaafanneerra.
Dr Yihune Ayyale Yuuniversitii Finfinneetti qorataa waa’ee soorataa fi sirna soorataati.
Akkasaan jedhanitti zayitiidhaan soorata hojjechuun aadaadhuma ta’eeti malee osoo ofirraa fageessinee irra wayya.
Haalli amma uumame kun zayitarraa kan nu fageessu waan ta’eef nuuf carraa guddaadha jedhan.
Ogeessi soorataa kun akka jedhanitti, ”zayiti nyaata ittiin bilcheessinu maqaadhumasaarraa ‘Zayita nyaata bilcheessu-Cooking oil’ jedhama. Tajaajilli zayitii bilcheessuu akka ta’e nutti mul’isa.”
Dr Yihune Ayyale hawaasi keenya Kanaan dura haala yeroo ammaa Kanaan nyaata bilcheessuuf zayita fayyadamaa hin turre jedhan.
Yeroo ammaa soorata bilcheessuuf zayitii akka galtee guddaa tokkootti fayyadamuun akkaan baratamaa dhufuu kan himan Dr Yihuneen inumaa magaalota keessatti ammoo heddummaata jedhan.
Zayitiin Fayyaa namaarratti dhiibbaa qabaa?
Zayitiin soorata dhama hin qabne keessaa tokko ta’uu kan amanan Dr Yihuneen, namoonni baayyeen soorata mi’eessa kan jedhan dhugaarraa kan fagaatedha jedhan.
‹‹Namoonni baayyeen maddi mi’aayina soorataa zayita ta’uutti amanu. Faayidaan zaayitaa sooratni bilcheessinu akka hin gubanne fi waan qabate of keessatti qabatee akka turu gochuuf malee kanaaf miti,” jedhan.
”Fakeenyaaf wayita raafuu zayitii fi bishaaniin bilcheessinu waldorgomsiifnu, zayitiin akka raafuun halluu magariisa qabatee turu, keemikalli keessa jiru akka hin dhabamne, mi’aansaa akka irraa hin mulqamne gochuuf fayyada. Maddi mi’aayinaa garuu zayita osoo hin taane raafucha mataasaati,” jedhan.
”Dhandhamni soorataa hurkee osoo hin badin keessuma akka turuuf qofa fayyada zayitiin.”
Namni hedduun dhibamee kan hospitaala galaa jiruuf sababa sirna nyaataa hin sirreeffanneef jedhanii amanu Dr Yihune Ayyale.
Soorata shukkaaraa fi ashaboon itti heddummaate akkasumas soorata saamsamee gurguramu soorachuu fi magaalota keessatti ammoo manni bargarii fi piizaa heddummaachuutu uummata dhibeef saaxilaa jira jedhanii amanu.
Akkaataa zayita itti fayyadamnu hin daangessinu taanaan dhibee caaluuf saaxilamuutu dhufa jedhan.
Zayita maaliin bakka buusuu dandeenya?
Soorata humna kennan-Kaaloorii heddumminaan of keessaa qaban soorachuun yeroo ammaa madda dhibee ta’aa jira kan jedhan Dr Yihune Ayyale, sochii qaamaa gochuu dhabuun ammoo rakkoo kana daranuu hammeessaa dhufeera jedhan.
Hin sosochoonu taanaan soorati humna kennu kan nuti sooranne kuufamee taa’a jechuudha.
Rakkoo kanaaf sababa ijoo kan ta’u soorata zayitii fi cooma of keessaa qaban baayyinaan soorachuudha.
Zayita baayyisuun dhibee ofitti baayyisuudhaan tokko jedhamee fudhatamuu kan danda’uufis kanumaafi jedhan Dr Yihuneen.
Kana jechuun qaama keenyaaf zayitiin hin barbaachisu jechuu miti, garuu heddummaachuu hin qabu jedhan.
Keessattuu ijoollee guddataa jiraniif zayitiin barbaachisaa ta’uu eeran.
”Faatii asiidiin qaamni keenya oomishuu hin dandeenye jiru. Keessattuu ol-adeemtotaaf. Isaaniifis yoo ta’e garuu qurxummii fi aannan irraa argachuu danda’u,” jedhan.
Vaayitaaminoonni tokko kanneen zayitaan daakaman jiru kan jedhan Dr Yihuneen, wayita kana zayitiin nu barbaachisa jedhu.
Garuu akkaataan zayitii itti fayyadamaa jirru dogoggora mataasaa qaba jedhan.
Tokkoffaa hammeentaa zayita fayyadamnuu murteessuu, lammaffaa sirni soorataa keenya madaalawaa ta’uu dahbuu, sadaffaa zayita al-tokko soorata ittiin bilcheessine deddeebisnee fayyadamuun miidhaa guddaa qaba jedhan.
”Fakkeenyaaf cornaaqqeen wayita hojjetamu zayita yeroo tokko buusneeni. Zayitiin sun gara faatii (cooma) walqabataatti geeddaramaa deema. Kun ammoo dhibee kaansariif nama saaxila,” jedhan.
Zayitii malee soorata bilcheessuun danda’amaa?
Muuxannoo fi beekumsa dhabuurraa yoo madde malee soorata zayitii malee qopheessuun hin danda’amu jedhanii murteessuun sirrii natti hin fakkaatu jedhu Dr Yihune Ayyale.
‹‹Fakeenyaaf dinnicha bishaan qofaan bilcheessuu dandeenya. Isa boodammoo nuugii fi talbaa yookiin midhaan zayitaa kaaniin fayyadamuun fedhii zayitiif qabnu guuttachuu dandeenya,” jedhan.
Arrabi keenya waan haaraatti baruuf yeroo dheeraa fudhata kan jedhan Dr Yihuneen, soorata zayita malee hojjechuun inuma danda’ama jedhan.
Shiroo zayitii malee
Zayitii malee jiruu naga qabeessa jiraachuun ni danda’ama kan jedhan Dr Yihune Ayyale, kan akka hin gooneef muuxannoo fi barmaatilleen keenya gufuu nutti ta’aniiru jedhan.
”Fakeenyaaf shiroo zayitii malee hojjechuun ni danda’ama. Shiroon kan mi’aawu zayitiidhaan miti. Beekumsaa dhabneeti malee shiroo talbaadhaan hojjechuun ni danda’ama. Harmootiin keenya talbaa fi nuugiidhaan hojjetanii beeku. Soorati kamuu zayitii malee ni ta’a,” jedhan.
Hanga itti barrutti nutti ulfaachuu danda’a malee inuma ta’a.