
Ufli eddoo isaa malee kun akkamitti uumama?
- yeroo micireen daa’ima ta’uuf deemuu kan gadameessa keessa taa’uu ykn qubachuu ture gadameessaan ala taa’e ykn qubate jechuudha.
- Wanti kun xaxaa hedduu qabaachuu danda’a sana keessaa tokko yeroo guddataa deemu dhiigni garas deemu dabalaa deema sana booda dhoohee dhiigni hedduun garaa keessatti dhangala’uun haadha balaaf saaxiluu mala.
wantoota carraa rakkoo kanaan saaxilamuu dabaluu malan;
- ujummoon qaama saalaa fi gadameessa walqunnamsiisu infeemshiiniin yoo miidhame.
- tamboo xuuxuu
- ujummoon oovaarii fi gadameessa wal qunnamsiisu yoo kanaan dura opreeshina godhamee jiraate.
- dhala dhabuu
- Mala ulfaa karaa ammayyaa fayyadamuu fi kkf
Hubachiisa: Namni xuriin irraa eega dhaabbatee booda dhukkubbii garaa fi dhiigni qaama saalaatiin irraa yaa’uu arge dafee ogeessa haa dubbisu,maaliif rakkoon amma dubbanne kun haala kanaan mul’achuu danda’a waan ta’eef.Haala biraatiinis mul’achuun ni mala.