Walqunnamtii saalaa yeroo dheeraa raawwachuuf tooftawwan fayyadan

◉ Dhiirri tokko walqunnamtii saalaa irra turuun heedduu isa gammachiisa. Garuu immoo dhiirri akkuma dafee raawwachuuf fiigu dafee quufee keessaa ba’as. Dubartii garuu ergasii fedhiin itti ka’ee gugguba. Dhiirri fedhii ba’uuf qaama isaa itti seensisee baasuu qofti ga’aadha. Fedhiin dubartoot garuu wal xaxaadha. Seensisanii baasuu qofti hin ga’u. Walqunnamtii saalaa irra turanii jaalallee / haadha warraa ofii fedhii baasanii waliin gammaduuf maloonni armaan gadi kunniin murteessadha.
.
➊ Bilisummaa qabaachuu : Walqunnamtii saalaa akka waan aja’iba wayiitti ilaaluu hin qabdu. Yeroo raawwattu bashannanaa suuta raawwadhu. Sirnaan harganuun gaaridha. Ispoortiwwaan naannoo qaama saalaa (pelvic floor exercise) raawwachuun walqunnamtii saalaa irratti jabaa si taasisa. Ofitti amanamummaa kee dabala.
.
➋ Yaada facaasuu : Yeroo raawwatamu san sammuutti waan biraa yaadudha. Waa’ee walqunnamtii saalaa dhiiftee wantoota biraa yaadun osoo hin beekne irra turuuf si gargaara.
.
➌ Irra deddeebin raawwachuu : Walqunamtiin saalaa shaakala barbaada. Ammuma irra deddeebin raawwattu dandeetti isaa horachaa deemta. Dafanii dhangalaasuuf sodaan isa tokko waan ta’eef irra deddeebin raawwachuun sodaa kana ni balleessa.
.
➍ Foreplay : Taphni walqunnamtii saalan duraa (foreplay) murteessadha. Qaama ishii ho’isanii miira keessa galchuun fedhiin ishii dafee akka dhufuuf ni gargaara. Suuta qaama walii ho’isanii erga isheenis fedhiin gubbaatti ol dhufee gara hojiitti seenun ni danda’ama.
.
➎ Leenjisuu : Yeroo fincaan fincooftu yeroo tokko finca’aa, jidduun dhaabaa, ammammoo fincaa’aa yoo itti fufte ujummoo fincaanii leenjisuun yeroo walqunnamtii saalaa irree ispeermi kee tursiisuu danda’a.
.
➏ Shakaaluu (masturbation) : Dhuunfa dhumaan harka keetin shaakalaa ispeermin kee yeroo dhufu dhaabaa shaakaluun ni danda’ama. Namoonni masturbation raawwatan warra hin raawwanne caala carraa walqunnamtii saalaa irra turuu ni qabu.
.
➐ Koondomii fayyadamuu : Koondomiin tuqiitii qaama saalaa lamanii waan gargar dhoowwuf miira keessan tursiisu danda’a. Kanaaf yeroo dhangalaasuu keetii dheeressuu danda’a.
.
➑ Posiishinii jijjiiruu : Yeroo raawwachaa jirtutti fedhiin kee akka sitti dhufe yeroo bartu daandii ittiin raawwachaa turte karaa biraatin taasisuu. Yeroo posiishinii tokkorra gara biraatti ceetu fedhiin kee tasgabbaa’a deema.
.
➒ Jidduutti addaan kutuu : Yeroo raawwachaa jirtutti akka fedhiin dhufaa jiru sammuun kee yoo si beeksise kan raawwachaa jirtu dhaabudha. Wanta mi’awu dhaabun garuu ni ulfaata. Qaama saalaa kee harkaan mataa isaa gara keessatti gadi dhiibun gaaridha. Erga addan kuttee miirri duubatti deebi’ee booda atis gara raawwitti deebi’uu qabda.
.
❿ Isheef carraa laachuu : Ofii keetii calliftee isheen qofti akka raawwattu taasisuudha. Malli kun akka ati daftee hin dhangalaafnef qofaaf osoo hin taane fedhiin ishii dafee akka dhufu godha. Poosiishinii WomanOnTop (dubartiin gubbaarra kortee raawwachuu) kanaaf filatamaadha.
.
⓫ Yeroo walqunnamtii saalaa raawwachuuf kaatu san ispeermii jalqabaa alatti akka dhangala’u godhi. Yeroo ati qaama ho’isuu, kissing gootu ispeermiin jalqabaa nafsaala ishii biraan osoo hin geenye akka alatti bu’u godhi. Marsaa lammaffaa yeroo fedhiin kee dhufu yoo raawwachuu eegaltu carraan irra turuu keetii bal’aadha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *