WANTOOTA GURGUDDOO DHIITOO CIDHAANII FIDAN

  1. Bishaan cidhaan keessatti kuufamuu /Hydrocele.
    kun yeroo baayyee kan mul’atu daa’imman irratti dha. Sababni isaas cidhaan(testis) garaa keessaa gara mandhee cidhaani(scrotum) yeroo gadi bu’u banaan jiraachuu isaatirraan kan ka’e karaa sana bishaan golgaa garaa(peritonial fluid) keessatti oomishamullee waliin bu’a.yeroo baayyee wagga tokkotti yaala malee ni dhabama.
  2. Hernia:Kun yeroo meeshaan/orgaanonni garaa keessaa, banaa uummachuun karaa sila jenne sanaan gadi bahanidha. Nama guddaarratti sababii maashaaleen laaffachuutiinis ni uumama. jalqaba irratti yeroo ciisan ofumaan gara keessatti ni deebi’u.suuta suuta garuu guddachaa deemun yeroo ciisanis iitoon cidhaanuma keessa tura.
  3. Micciirramuu cidhaanii: Kun yeroo baayyee dhahumsa booda kan uumamu yoo tahu dhukkubbii cimaa qabaata.
  4. kaanserootaa fi dhiitoo kaanseriin gadii namoottan umriin isaanii aara dullumaa deeman irratti yoo tahee fi qaamni hir’achuu ,halkan dafquu,dadhabbii qaamaa fa yoo qabaate.

KA’UMSA

  1. Yeroo dheeraaf Hojii humnaa olii hojjachuu fkn wantoota cimaa dhiibuu ykn harkisuu
  2. Sigaaraa aarsuu
  3. Qufaa/Utaalloo yeroo dheeraaf namarra ture
  4. Dhahumsa
  5. Uumama(kan daa’immaniif)

Yoo maal tahe battalatti mana yaalaa deemna?

  • Dhukkubbii yoo qabaate
  • yoo bakkatti hin deebine
  • daa’ima irraa utuu hin badin waggaa tokkoo ol yoo ture.
  • Mallattoolee kaanserii sanniin yoo qabaate
  • yoo madaa’ee ykn bifaan yoo gurraachate.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *