WANTOOTA GURRA KEENYA MIIDHAN KANNEEN BEEKTUU?

  1. Infeekshiinii gurraa :- Infeekshiiniin gurraa hoggaa namarra turaa deeme( keessattu gurri malaa yaafatu) dibbeen gurraa akka urattu waan godhuuf boodarra gurri duuduu mala
  2. Sagalee humnaa ol olka’aa ta’eef saaxilamuu Fkn sagalee qawwee ,koonsartii adda addaa irratti sagalee aka malee olkaasuun muuziqaa faaa itti banuu. Kun seelii gurra keessatti argamtu waan miidhuuf yeroo dheeraaf irra daddeebiin kan saaxilamnuuf yoo ta’e gurri nama dhagalaa’uu danda’a
  3. Irfoonaan waa dhageeffachuu guddisuu:- yoo kan dhageeffatamu ta’e sagalee irraa xiqqeessuun dhageeffachuudha. Kana malees sa’aa takkaa ol walitti dhaabanii irfoonaan dhageeffachuun gaarii miti
  4. Qorichoota sababa garagaraatiif fudhatamu Fkn Gentamicin, ibuprofen, qoricha bookee buusaa kan akka quinin fa’a
  5. Rukutta / dhowicha gurrarra gahu
  6. Umriin dabalaa deemuu
    Hub :- Namni gurri isaa dhukkubu ykn dhagahuurratti rakkoo qabu ogeessa fayyaa mormaa oliitiin of laalchisuu qaba!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *