
- Yeroo gara hirribaa deemanii fi hirriba irraa itti ka’an dhaabbataa godhachuu.
- Shaakala qaamaa sagantaa’aa ta’e qabaachuu.
- Iddoo bultii callisaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u gochuu, ifaan kan jiru yoo ta’e dhaamsani rafuu.
- Iddoo ciisichaa qulqulleeffachuu.
- Hirriba dura nyaata humnaa oli nyaachuu fi osoo beela’aa jiranii gara hirribaa deemuu irraa of qusachuu.
- Iddoo hirribaaf qophaa’e hirriba qofaaf itti fayyadamuun barbaachisaadha. Yeroo hirriba rafuudhaaf dhaqan irraa kan hafe iddoo bultii irra taa’anii taphachuu, achi irratti nyaachuu, bilbila haasofsiisuu fi wantoota gargaraa siree irra bultiidhaaf qophaa’e irratti raawwachuun hirriba dhabuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf irraa of qusachuun barbaachisaadha.
- Hirribaan dura wantoota akka alkoolii, buna,jimaa/caafii, shaayii fi wantoota nama si’eessuu danda’an kamiin irraayyuu fagaachuu.
- Irra deddeebiidhaan yeroo ilaaluunis hin barbaachisu. Namoonni baay’een yeroo hirribni isaan didutti irra deddeebiidhaan sa’aa ilaaluudhaan of jeequ. kuni immoo kan duraa irra akka jeeqaman isaan taasisa.
- Nyaatota akka muuzii,hanqaaquu,kuduraalee fi muduraalee fayyadamuu
- Dhiphina/yaaddoo hir’isuuYoo kanaan dide mana yaalaa deemuun ilaalamuun qoricha fudhachuudha. Dhibee sammuu dabalatee dhukuboonni gara garaa rakkoo kanaaf nama saaxilan waan jiraniif of-ilaaluun gaariidha
“Fayyaan Sammuu malee sammuun Hirriba malee…”