
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin yeroo jalqabaatiif TV irratti kan dhiyaate diraamaa walitti fufee dhiyaataa ture baayyee beekamaafi nama kofalchiisu irratti akka pirezedaantii ta’ee yoo taphatu ture.
Haata’u malee, bara 2019 keessa diraamaa hojjete sana keessatti taatoo pirezidantii ta’een kan milkaa’e Zeleniskiin, aangoo pirezidaantii isa dhugaas qabachuu danda’eera.
Amma pirezidaantii lammilee Yukireen miliyoona 44 yeroo ta’anii jiran kanatti, daangaa hundaan Raashiyaarraa rakkoon jabduun isa mudatee jira.
Zeleniskiin yeroo diraamaa keessatti taatoo pirezedaantii ta’ee hojjecha turetti amala barsiisaa Seenaa gaarii qabu fakkaachuun malaammaltummaa biyyattii keessa jiru mormuudhaan ergaan viidiyoo inni dabarse beekamtii argate.
Xiqqoo turee ammoo gara aangoo pirezedaantummaatti dhufeera. Diraamaa keessatti pirezedaantii ta’ee taphachuun akkuma milkaa’e pirezedaantii dhugaa biyyattii ta’ees ni milkaa’a jedhanii lammileen Yukireen abdachuun isaanii hin oolle. Kan filataniifis kanumaaf ta’a.
Voloodmiir Zleniskiin yeroo duula filannoo gaggeeffataa turetti ‘tajaajilaan uummatichaa gara angootti dhufuuf’ jechuun deeggartota baayyifachuu danda’ee ture.
Amma loltoonni Raashiyaa daangaa Yukireen cabsanii seenuudhaan gara magaalaa guddoo qaqqabaniiru. Kanaaf, haala baayyee rakkisaafi walxaxaa ta’e kana keessatti itti gaafatamummaan guddaan biyya tasgabbeessuufi loltoota qindeessuu, akkasumas biyya eeguu nama muuxannoo siyaasaa guddaa hin qabne Voloodmiir Zeleniskii irratti kufeera.
Pirezidantiin umuriin isaa waggaa 44 ta’e kun biyyattii keessatti hokkarri akka hin dhalanneef ummata tasgabbeessaa carraa cinaatiin ammoo michoonni isaa kan ta’an biyyoonni Lixaa gargaarsaaf harka isaanii akka diriirsaniif kadhachaa jiru.

Magaalaa guddoo Kiriiv Riih jedhamtu keessatti maatii Yihudoota ta’an irraa kan dhalate Voloodmiir Zeleniskiin, Yunivarsiitii Ikonoomiksii Biyyaalessaa Kiyeev irraa Seeraan digirii jalaqabaa argateera. Haata’u malee, diraamaa nama kofalchiisan hojjechuun ammoo kennaa isaa ta’e.
Dargagummaa isaatti dorgommii komeedii TV Raashiyaa irratti dhiyaatu tokko irratti irra deddeebiin hirmaateera. Bara 2003 keessa dhaabbata qophii Televizhinii ‘Kivaartaa 95’ jedhamu banuudhaan milkaa’ina guddaa argachuus danda’era.
Namoonni dhaabbata kana hundeessan lama turan. Pirezidant Zeleniskiifi biliyeenara kan ta’e Hi’oor Koloomoskii turan. dhuma irratti Voloodmiir Zeleniskiin pirezidantii ta’uuf yeroo dorgamu namni kun deeggarsa guddaa taasisaniiruuf.
Zeleniskiin gara siyaasaatti kan dhufe sababa mormii ummataa bara 2014 Yukireen keessatti uumamee tureenidha.
Yeroon suna pirezidantiin duraanii Raashiyaan deeggaraman Pirezidant Viiktor Yaanukooviich mormiiwwan ji’ootaaf tureen booda aangoo isaaniirraa ari’aman. Sanatti aansuun ammoo Raashiyaan Kireemiyaa to’achun ofitti waan fudhattee finciltoota karaa gama Bahaan jiran deeggaruu jalqabde.
Waggaa tokkoon booda bara 2015 keessa diraamaan walitti fufee dhiyaatu mata-dureen isaa ‘Servant of the People’ ykn ‘Tajaajilaa Uummataa’ jedhu kan Zeleniskiin keessatti taatoo ta’ee taphatu uummata ballaaf dhiyaate. Lammileen Yukireen hedduunis gaggeessaa akkas barbaadna jechuun amananan.

filannoo itti aanee dhufeen Zeleniskiin dhuguma pirezidantii ta’ee filatame. Yeroo sanatti dorgomaa isaa kan ture Pirezidant Petiroo Poroshenkoon Zeleniskiitiin ‘muuxannoo siyaasaa kan hi qabneefi kan pirezidantii ta’uu hin dandeenyedha’ jechuun qeeqaa turanillee dhuma irratti garuu mo’achuu danda’eera.
Lammileen Yukireen harka dhibba keessaa 73.2 ta’an Voloodimiir Zeleniskiitiif sagalee kennuudhaan bara 2019 keessa pirezidantii Yukreen ja’aaffaa gochuun filatan.
Pirezidaantichi walitti bu’insa Baha Yukireen keessatti dhalate tasgabbeessuudhaaf hanga danda’an yaalanis, hanga ammaatti jijjiirama barbaachisu fiduu hin dandeenye. Sababii walitti bu’insa kanaatiin qofa lubbuun namoota kuma 14 ol ta’e akka darbeeru himama.
Pirezidant Zeleniskiin jalqaba Raashiyaa waliin marii barbaadanii ture. Yeroo gara garaattis waliin dubbachaa kan turaniifi hidhamtootallee wal jijjiiraa turaniiru. Haata’u malee furmaanni waaraa ta’e argamuu hin dandeenye.
Vilaadmiir Putiin bakka walitti bu’insi keessatti deemaa jiru Baha Yukireen keessa namoota jiraataniif paaspoortii kennu eegaluun isaa ammoo haala jiru daran hammeesseera.
Gama biraan ammoo waliigalteen dhukasa dhaabuu waggoota lamaan dura irra gahee tures ta’e, sababii dhukaasawwan darbee darbee mul’atuun guutummaan guutuutti hojiirra ooluu hin dandeenye.
Pirezidant Zeleniskii Yukireen miseensa Gamtaa Awurooppaa akka taatuuf, akkasumas Waliigaltee Waraanaa Kaaba Atilaantikii (NATO) keessatti miseensa akka taatuuf ni barbaada. Gama kanaan hojiiwwan hedduus raawwatera.
Biyyoonni Lixaa, Yukireen miseensa NATO akka taatuuf hayyamuufiif hin qaban kan jedha yaada Raashiyaa kufaa taasisuun, miseensonni biroon galuu qabu jechuun wal gaarerfannaa keessa turaniiru.

Raashiyaan ammoo yaaddoo nageenyaa qaba jechuudhaan loltootashee gara daangaa irratti butaa turteetti. Yukireen ammoo miseensa NATO kan taatu yoo ta’e yaaddoo nageenyaa guddaa anarratti uuma jechuun yaada kana cimistee mormiti.
የsochiin waraana Raashiyaa yaada NATOtti makamuuf qaban isa jijjiirsiseera yoo ta’eef kan gaafatame pirezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskiin, “Anaaf wanti guddaan biyya koo itti fufsiisuudha. NATOn callisee jcha miti. NATOn karaa nageenya ittiin mirkaneeffatanidha,” jedhee ture.
Haata’u malee, Raashiyaan loltoota ishee Yukireen galchuun waraana kan bante guyyaa afraffaa keessa taatus, biyyoonni Lixaafi miseensonni NATO qoqqobbiiwwan jajjaboo gaggeessitoota Raashiyaa irra kaa’uun alatti, Yukireeniin baraaruudhaf hanga ammaatti tarkanfiin fudhatan hin jru.
Pirezidant Zeleniskiin waliigalteen waraana dhaabuu hanga fudhatama argatutti “biyya keenya eeguu itti fufna,” jedheera.
Zeleniskiin, “biyyoonni Lixaa fageenyarra taa’anii haala jiru ilaaluu filataniiru” erga jedheen booda, “har’a akkuma kaleessaa qofa keenya biyya keenya eeggachaa jirra,” jechuun biyyoonni Lixaa Yukireeniif deeggarsa akka taasisaniif ammooo gaafateera.
Yukireen waraana karaa gama Bahaan jiru dhaabuubaannaan dhiiga dhangala’uuf itti gaafatamtuu akka taatu Pirezidaant Viladmiir Putiin akeekkachiisee ture.
Pirezidantiin Yukireen ammoo haasaa Kamisa galgala taasiseen, Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin dubbachuudhaaf yaaliin taasise akka hin milkaa’iin hafe beeksisee ture.
“Pirezidantii Raashiyaa waliin bilbilaan dubbachuudhaf yaaleen ture. Bu’aan isaa ammoo callisuu ta’e,” jedhee ture Zeleniskiin.
Zeleniskiin afaan ittiin dubbatu Yukireen irraa gara Ruusikitti jijjiiruudhaan lammileen Raashiyaa waa’ee Yukireen irratti sobamaa kan jiran ta’uu eeruun haleellaa akka mormaniif miiraan guutamee kadhateera.
Pirezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskiin biyyi isaa halellaa Raashiyaan taasiftuuf qophii ta’uu himuun, “isaan [Raashiyaa] haleella yoo raawtan, biyyi keenya, bilisummaa keenya, lubbuu keenyaa, lubbuu ijoollee keenyaa fudhachuuf yoo yaalan oirraa ni ittisna,” jechuun waadaa galeera.