
Piresdaantiin Yukreen Volodmir Zalaniskii walitti dhufeenyi diplomaasi Raashiyaa waliin qabdu hundaa addaan kutuu ibsan.
Waraana Yukreen irratti banameen bakkee hedduutti badiin gaggeeffama akka jiru ibsame.
Akka gabaasa BBC’tti Kiyav fi Kaarviin dabalatee bulchiinsa Yukreen gara garaatti dhukaasni fi dhoo’insi misaa’ela gabaafameera.
Vilaadmir Puutin ibsa guyya kana kennaniin Raashiyaan Yukreenin weerarte qabaachu karoora akka hin qabne ibsuun Waraanni ishees meesha akka galchu gaafataniiru.
Yukreen gama isheetin Raashiyaan “weerara guutu ” adeemsifte jette.
Walitti bu’iinsan haga ammatti lubbun namoota hedduu kan bade yoo ta’u jiraattonni Kiyaav immoo magaala isaani dhiisani baqataniiru.