
Yunivarsiitiin Kaalifoorniyaa dubartoota 200 hakiima mooraa mana barumsichaatiin miidhaan quunnamtii saalaa nurra gaheera jechuun himataniif doolaara miiliyoona 250 kaffaluuf waliigale.
Dubartoonni baayyee yunivarsiitichi miidhaa saalaa namichi Jeems Hiip jedhamu barattoota irraan gahu beekaa dhoksaa ture jedhan.
Hiips waggoota 35f wiirtuu fayyaa Yunivarsiitii Kaaliforniyaa(UCLA) keessa hojjeteera.
Dubartoonni dhibbaan lakkaa’aman, kan dhukkuba kaansarii fa’i qaban haleellaan saalaa nurra gaheera jedhan.
Yunivarsiitichi hamma bara 2017tti himannaa nama kanaarratti qorannoo hin jalqabne ture.
Dhaabbanni barnootaa kuni gochaa hakiima fayyaa hormaataa dubartootaa (gynaecologist) beekaa dhoksaa ture himanni jedhu baayyee banameera.
Eeyyamni ogummaa nama kanaa bara 2019tti yeroo himanni irratti baname jalaa fudhatame.
Yunivarsiitichi qarshiin kaffalame dubartoota miidhamaniif ‘’beenyaa taha, dubbii kanas ni goolaba,’’ jedhe.
Hiips dubartoota torba irratti haleellaawwan saalaa 21 raawwachuun kan himatame yoo tahu inni garuu kana akka hin dalagne hima.
‘’Gochaan Hiips dhaan raawwatame kan balaalefatamuufi faallaa qajeelfama yunivarsiitii keenyaati,’’ jedhe yunivarsiitichi ibsa gaafa Kibxataa baaseen.
‘’Itti gaafatamummaan keenya inni guddaa fi duraa hawaasa tajaajiluu dha, qarshiin kenname dubartooti miidhaman akka dandamataniifi dubbiin immoo akka goolabamuuf tarkaanfii tokko dha,’’ jedheera.
Dubartiin dhukkuba kaasariin rakkachaa turte, gaazexaa Loos Aanjalas Taayimsitti akka himtetti, ‘’Har’a waggaa saddeet booda, waanta narraa gaheef gurra na dhagahu argadhe,’’ jette.
Qarshiin kenname kuni himannaa seeraa dhukkubsattoota 300 oliin baname waan dhaabu miti.
Hagayya darbe abbaan seeraa federaalaa doolaara miiliyoona 73 dubartooti 5,500 haleellaa saalaa Hiips dhaan wal-qabatee akka isaaniif kaffalamu gaafatan raggaasiseera.
Akka abukaatoowwan jedhanitti namni kuni Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti hakiimoota mindaan olaanaa kaffalamuuf keessaati.
Abukaatota keessaa tokko, ‘’hamaa yaala fayyaa keessa dhokachuun haleellaa saalaa raawwataa ture,’’ dha jedhan.
Abukaatoo Joon C Maanliin, ‘’hakiimichi eeyyama boordii ragga’e gatii qabuuf dubartoonni baayyee kaansarii qaban isa bira deemu ture,’’ jedhan.
Himannaan seeraa federaalaa, bara 2017 dubartoonni yunivarsiitiitti isa himatanii boodallee dhukkubsattoota yaaluu itti fufeera, eeyyamni hojii isaa hin haaromfamu erga jedhameen boodas hojiisaa hojjetaa ture jedha.
Baatii darbe yunivarsiitii Michigaanitti namoonni 1000 tahan hakiima ispoortii waggaa 40 tajaajileen miidhaa saala nurra gaheera jechuun himannaan, yunivarsitichi doolaara miiliyoona 490 akka kaffalau taheera.
Gama biraan dubartoonni sadii yunivarsiitii beekamaa Haarvaard himannaa qoccollaa saalaa isaanirra gahe beekaa bira darbeera jechuun himachaa jiru.
Piroofeesarri antirooppoolojii Joon Komaaroof himannaa irratti ka’e haaleeraa.